bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Hebrews 6
Hebrews 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
1
Eegaa barsiisa jalqaba ka waayee Kristositiif kenname dhiifinnee, gara barsiisa muda maleessa ta'ee titti haa dabrrinuu, hujii du'e irraa dhiifamaan deebi'u'uu fi hunddee Waaqatti amanu'uu deebinee haa hunddeessnu,
2
akkuma kana ka cuupha'aa, harka irra kaayuu, waayee du'aa ka'uu, barsiisa murtii bara baraa'llee, irra deebinee akka hin hunddeesine.
3
Waaqinni yoo nuuf eeyyame, kana ni raawwanna.
4
Amantii isaanii namoonni waakkatan attamitti dhiifamaan gara Waaqaa titti deebisu'uuf danda'ama? Namoonni kunniin asiin durana ifin isaanii ifee ture, kennaa samii'llee dhandhamanii turan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee qoodamtoota ta'anii turan,
5
dubbii Waaqaa misha'aa fi huminna biyya lafaa ka dhufuu'llee dhandhamanii turan,
6
kana maraan duubatti amantii isaanii yoo waakkatan, isaan mataa isaaniitii Ilma Waaqaa irra deebi'anii waan isa fannisanii fi ifatti isa waan salphisaniif, isaan gara dhiifamaa titti deebi'uuf hin danda'an.
7
Biqilttuun yeroo baayi'ee rooba isii irratti bu'u dhugiddu, laftti nama isii irratti dhaabeef'llee faayiddaa kennitu, Waaqa biraa atootaa ni argatti.
8
Qore'ee fi ximirroo yoo biqilichite garuu gati dhabeettii ni taati, yeroo dhiyo'otti'llee ni abaaramtti, muummeen isi'ii'llee ibiddatti gubachu'u.
9
Yaa jaalatamttoota! Kana yoma dubbanne'llee isin fayyinna keessan ka fidu haala fooyyaye irra jiraachuu keessan, nu'u sirri'i.
10
Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu.
11
Isin marri keessanuu abddi'iin waan eeggattan haga harkaan gayattanitti, hisata keessan haga muumme'ee titti akka muldhifttaniif ni hawwina,
12
ka hawwinu'llee amanti'ii fi obissaan jabaatanii abddi'iin waan isaaniif kenname namoota dhaalan akka fakkaataniif malee, ganttoota akka taataniifii miti.
13
Waaqinni Abrahaamiif abddii yeroo kenneeftti ka ittiin kakatu ka isa caalu ka bira'aa eennu'llee waan hin jirreef, akkana jechu'uun mataa isaatii ni kakate,
14
«Dhugamaanuu si ni eebbisa, fiixaa kee'llee ni baayi'isa.»
15
Abrahaam'llee obissaan eeggatee waan abddii taasfameef ni argate.
16
Namoonni yoo kakatan maqaa mataa isaanii caaluun ni kakatan, haasaya isaanii'llee kakuu isaaniitiin dhugaa taasisu'uun, wol mormmii jidduu isaanii jiru maraa ni dhabamisiisan.
17
Bifa kanaan murttiin Waaqaa ka hin jijjiiramnne ta'uu isaa hubachiisu'uuf barbaadee, worra dhaalttota abddi'ii ta'aniif abddii kaku'uun isaanii ni mirkaneesse.
18
Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna.
19
Abddiin kun'llee jireenna keenna keessatti akka ka hin sochoone xiribbaa sibiilaa amanisiisa'aati, abddiin Yesusiin qabnnu'llee golgata bira dabrree gara Mana Qulqullumma'aa titti ni gala.
20
Gara Mana Waaqeffanna'aa kana'llee Yesus akka muudama qeesummaa Malkeesadeeqii titti bara baraaf itti gaafatamaa qeesotaa ta'ee, waan keennaaf durssee aseenee jira.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13