bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Hebrews 11
Hebrews 11
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
1
Amantii jechuun abddi'iin waan eeggamu, «Ee, dhugaanuu ni ta'a» jechu'uun fudhachu'u, waan ijaan hin argaminne'llee akka waan argamuu taasisanii laakkayu'u.
2
Namoonni duraanii ka galateeffaman waayee amanti'iitiin.
3
Biyyi lafaa dubbii Waaqaatiin akka uumame ka hubannu amanti'iin. Kanaaf wonitti mulidhatu marrinuu ka hin mulidhannee irraa akka hojjatame ni beekinna.
4
Abeel kitimaa Qaaye'lii ka caalu Waaqaaf ka dhiyeesse amanti'iin, Waaqinni kennaa Abeel Mana Waaqaatiif dhiyeesse gammachu'uun yeroo fudhatetti, Abeel amanitii isaatiin qulqullaawomaa ta'uun isaa ni ragaayeef, Abeel yoma du'e'llee karaa amantii isaatiin, amma'llee dubbata'aa ni jira.
5
Heenok duuti isa irra akka hin geenneef gara olii ka fudhatame amanti'iin, Waaqinni waan isa fudhateeniif'llee hin argaminne, uduu hin fudhataminiin duratti ammoo Waaqa akka gammachiise, rageefameefii jira.
6
Amantii malee Waaqa gammachiisuun hin dandda'amu, gara Waaqaa naminni dhiyaatu Waaqinni jiraachuu isaa namoota isa barbaadaniif'llee kennaa ka kennu, ta'uu isaa amanuu qaba.
7
Amma'llee waayee wonittoota ijaan hin muldhaneetiif Waaqinni yeroo ufi eeggachiiseentti Noohi Waaqa sodaachu'uun, maatii isaa fayyifachu'uuf doonii ka hojjate amanti'iin, amantii Noohiitiin'llee biyyi lafaa cubbamaa ta'uun beekkamee itti ni murtteeffame, Nohi'llee qulqullaawoma amanti'iin argamu ni dhaale.
8
Abrahaam bayee gara lafa qabiyyee taasisee fudhatuu akka deemuuf yeroo waamametti, yoma gara deemu beekuu dhabaate'llee, deemu'uuf ka ajajame amanti'iin.
9
Isa woliin dhaalttota dubbii abddi'ii ka ta'an Yishaaqii fi Yaaqoobiin woliin, biyya abddi'ii titti keessummaa ta'ee, dukkaana keessa ka jiraate amanti'iin.
10
Kana'llee ka raawwate hunddee jabdduu ka qabddu, magaalaa Waaqinni karoorssee fi hojjateen ni eega waan tureef.
11
Saaraa'llee Waaqinni abddii kenneef amanamaa ta'uu isaa waan beekitteef, yoma umrii isi'iitiin ufi durana deemuu isi'iitiin'llee dayu'uuf ka hin danddeenne taate'llee, huminna ulfaayu'uu ka argatte amanti'iin.
12
Kanaaf akka nama du'ee titti ka laakkayamu Abrahaamii tokko irraa, akka urjjii sami'ii ka baayi'atee fi akka cirracha garba ciisaa keessaa titti ka hin laakkayamnne, fiixaan ni argame.
13
Kunniin marrinuu amanti'iin uduu jiran ni du'an, Waaqinni isaanii kennu'uuf waan waadaa isaanii aseene hin arigganne, garuu fago'oo arganii akka waan argataniinii taasisanii gammachu'uun ni fudhataniin. Arddii irratti keessummootaa fi galttoota ta'uu isaanii'llee ni hubatan.
14
Akkana namoonni dubbatan biyya ka isaanii ta'e akka eeggatan ifatti ni mulidhisa.
15
Biyya keessaa bayan san yaadatanii jiran uduu ta'ee, garas deebi'u'uuf ni danda'aniiyyu ture.
16
Amma garuu ka caalu, biyya samii jiru ni yaadan, kanaaf Waaqinni magaalaa isaanii waan qopheesseef, «Waaqa keenna» jedhanii yoo waamaniin, isa hin saalfachiisuun.
17
Abrahaam yeroo itti qormaatametti Yisihaaqiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen, amanti'iin.
18
Eegaa Waaqinni, «Yisihaaqiin fiixaan si ni waamama» jedheenii ture.
19
Waaqinni danddeettii du'aa kaasu'uu akka qabu Abrahaam amanuu isaatiin, haguma waan du'aa ka'ee titti Yisihaaqiin deebi'ee ni argateen.
20
Yishaaq waan ufi durana ta'u yaadu'uun, Yaaqoobii fi Esaawuun ka eebbise amanti'iin.
21
Yaaqoob yeroo itti du'u yoo dhiyaatutti ijoollee Yooseefii tokkoo tokkoo isaanii ka eebbisee fi mataa ule'ee titti irkattee, ka sagade amanti'iin.
22
Yooseef'llee yeroon itti du'uu yoo dhiyaatu Israa'eeloonni biyya Gibixiitii akka bayaniif ka dubbate, waayee lafee isaa'llee maal raawwachuu akka qaban ajaja ka kenne, amanti'iin.
23
Maatiin Muse'ee'llee yeroo inni dhalatetti mucaa bareedaa ta'uu isaa waan arganiif ajaja nugusichaa uduu hin sodaatin, ji'a sadihii ka dhossaniin amaniti'iin.
24
Museen'llee eega guddateen duubatti «Ilma ilmaa Fara'oonii» jedhamee waamamuu ka hin barbaadin amanti'iin,
25
kanaaf'llee inni gammachuu cubbu'uun argamu ka yeroo irra, ummata Waaqaa woliin rakkinna fudhachu'uuf ni filate.
26
Ufi duranatti'llee gatii fudhachu'uuf jiru waan argeef, qabeenna biyya Gibxii irra waayee Masihichaatiif salphachuun, ka caaluu ta'uu ni yaade.
27
Dallanssuu nugusichaa'llee uduu hin sodaatin biyya Gibxiitii ka baye'llee amanti'iin, Waaqa ijaan hin argaminne'llee akka waan arigeenii ta'ee, kaayyoo isaatiin ni jabaate.
28
Ijoollee hangafootaa ajjeesu'uuf maleyikkaan ajajame ijoollee Israa'eelootaa hangafoota akka hin ajjeefinneef jecha, ka Faasika'aa fi dhiiga facaasuu naamusa ka taasise, amanti'iin.
29
Isra'eloonni akka waan arddii gogeettii irra ce'an ta'anii garba ciisaa diimaa ka ce'an amanti'iin, worri Gibixootaa garuu akkuma kana raawwachu'uuf yeroo yaalanitti, marrinuu bishaaniin ni liqimfaman.
30
Israa'eeloonni naanaya kaloowwan Iyaariko'oo guyyaa torbbaaf eega naanayaniin duubatti, kaloowwan ka diigan amanti'iin.
31
Sagaagalittuun Rahaabiin doowattoota nagayaan waan isaan simatteef worra hin ajajaminneen woliin du'uu jalaa irraa ka hafitte, amanti'iin.
32
Eegaa ka bira'aa maal jedha ree? Waayee Gedewoonii, waayee Baaraaqii, waayee Saamsoonii, waayee Yifta'aa, waayee Daawiitii, waayee Saamu'eelii, waayee nabiyyootaa'llee akka hin aseensinneef yero'otu natti gabaabata.
33
Isaan'llee amanti'iin mootummtoota injifatanii ni moo'an, abddii bulichiinssa murti'iitiin isaaniif kenname'llee ni argatan, afaan leencotaa ni cufan,
34
huminna ibiddaa ni balleessan, qara bilayaa jalaa ni bayan, dadhabbii irraa gara jabumma'aa titti ni jijjiiraman, woraanaan hamaawwan ni ta'an, lolttoota weerarttoota diina saamtichaa ni ari'an,
35
Firoota isaanii ka dubarttoonni jalaa du'an, du'aa ka'anii isaan ni argatan, kuunniin'llee du'aa ka'iinssa caalu argachu'uuf yaadanii rakkinna gara garaa ni fudhatan, hidhama irraa'llee bilisa ta'u'uuf hin barbaanne.
36
Kuunniin ammoo worra itti baliddan ta'anii ni dhaanaman, kuunniin sibiilaa miilaan hidhanii hidhamanii gara mana hidha'aa titti ni darbaman,
37
dhaga'aan ni woqaraman, nyaat-mura'aan ni baqaffaman, billayaan'llee ni ajjeefaman, kaldhoo hoola'aatii fi re'ee'llee uffatanii asii fi achi ni deeman, hiyyeeyyi'ii fi koolu-galaa galttoota ta'anii ni raantayan,
38
gammoojji'itti, gaaratti, arddii keessa godoota jiranii fi ededoota'llee ni naanayan. Bifa kanaan'llee biyyi lafaa isaaniif bakka malu taatee hin argaminne.
39
Isaan kunniin marrinuu waayee amantii isaaniitiif ka ragaan bayameef yoma ta'an'llee, abddii isaaniif kenname amma'llee hin arganne.
40
Waaqinni waan fooyyayaa ta'e nu'uuf karoorssee jira, kanaaf isaan nu'uun woliin malee adda isaanii titti, muda maleeyyii ta'u'uuf hin danda'an.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13