bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Hebrews 12
Hebrews 12
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
1
Akka duumessaa naannaya keennatti ka nu marrssan ragoota kanniin mara waan qabnnuuf, nu'u waan akka ba'aa nutti ta'e maraa fi nu'u irratti maxane cubbuu dhabamisiifnnee, fuun dura keennaan ka jiru wol durssoo fiigichaa obissaa fi jabaachu'uun haa fiiginnuu.
2
Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e.
3
Eegaa uduu hin hifatinii fi uduu abddii hin kutatin, mormmii cubbamootaa kana mara ka obisse Yesusiin laalaa.
4
Isin cubbuu woliin woldhaanu'uun amma'llee haga dhiiga jissu'uu titti hin mormmine.
5
Waaqinni akka ijoollee isaa taasisee akkana jechu'uun ka isin gorsse irraafattanii jirttan, «Yaa ilma kiyya! Baanii Goofta'aa hin diqqeesin, yeroo si adabetti'llee abddii hin kutatin,
6
Gooftaan nama jaalatutti ni baanata, akka ilma isaa taasisee ka laaluun'llee ni adaba.»
7
Waaqinni akka ijoollee isaa titti waan isin laakkayuuf adabbii isaa obissaa, ilmi abbaan isaa isa hin adabinne eennu ree?
8
Adabbii worri ijoollee isaa ta'an marrinuu fudhatan isin'llee yoo hin fudhatin, diqaalota malee isin ijoolle'ee miti.
9
Kana malee'llee nu'u mara keennaa ka nutti baanatan abbootii fooniin ni qabnna ture, isaan'llee ni kabajina ture, eegaa lubbu'uun jiraachu'uuf Abbaa keenna ka Hafuuraatiif caala'atti ajajamuun, attam nuun hin malle ree!
10
Isaan mishaa ta'ee akkuma isaanitti muldhatetti yeroo muraasaaf nu adabanii jiran, inni garuu qoodamtoota Qulqullummaa isaa akka taanuuf faayiiddaa keennaaf, nu'u ni adaba.
11
Adabbiin marrinuu yero'otti ka nama gaddisiisu malee ka nama gammachiisu hin fakkaatu, maa'ii garuu namoota shaakalaniif, nageenni ka itti guute firii qulqullaawomaa isaaniif ni argamisiisa.
12
Kanaaf harka keessan ka haadoodee fi hunnoota keessan ka dadhaban'llee jabeessaa.
13
Ka hokkolaa ta'e akka fayyuuf malee bakka isaatii bayee akka wol gad hin dhiifinneef, miila keessaniif karaa qajeelaa filadhaa.
14
Qulqullaawoma malee eennu'llee Gooftaa argu'uuf waan hin dandeenneef nama mara woliinuu nagayaan jiraadhaa, Qulullumma'aan'llee jiraachu'uuf hisadhaa,
15
Isin keessaa eennu'llee kennaan Waaqaa ka bilisaa akka itti hin dhidhanneef ufi eeggadhaa, akkuma kana yoma hiddi firiin hadhaayaa daraaru'llee jidduu keessantti akka hin baanee fi akka isin hin rakkifnne, namoota baayi'ee'llee akka isaan hin batteessineef, ufi eeggadhaa.
16
Sagaagalaa ka ta'e yookiin nyaata yeroo tokkootiif jedhee hangafummaa isaa akka ka gurguree akka Esaawuu heeybayaa naminni ta'e, akka hin argaminneef ufi eeggadhaa.
17
Maaii'llee Esaawu deebi'ee eebba fudhachu'uuf yeroo barbaaddetti, eebba kana akka dhoogatame ni beekittan, yoma booya'aa eebba san hisatee barbaade'llee, argachu'uuniif hin dandeenne. Gara Waaqaa deebi'uuf'llee carraa woyiituu hin arganne.
18
Isin gara ka harkaan qaqabamuu yookiin gara ka gubatuu gara gaara siina'aa hin geenne. Gara hurri'ii, gara dukkanaa'llee, gara bubbee honbololatti'ii'llee,
19
gara qooniqqi xurunbbaa laali'ii yookiin gara dubbii himama'aa jiru itti dhagayamu'llee hin geenne, namoonni dubbii san dhagayan, «Ammaa achitti dubbiin bira'aa nutti hin himamnni» jechu'uun, haga kadhachu'uu gayanii jiran.
20
«Horiin gaara yoo tuqe, dhaga'aan woqaramee haa du'u!» Ajajinni jedhu waan isaanitti ulffaateef, baadhachu'uunii hin danddeenne.
21
Gochi muldhate haalaan sodaachisaa ta'uu isaa irraa ka ka'een Museenuu, «Ani sodaadhe, ni holladhe'lle'e!» jedhe.
22
Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan.
23
Gara worra maqaan isaanii sami'itti barreeffame jiruu, ijoollee woldayaa ka hangafan gara worra ta'anii gara wolgayii amanttootaa, gara Waaqa muritteessaa maraa ta'ee fi gara worra qulqullaawota muda maleeyyummaa argatanii gara lubbuu Qulqullu'uu dhiyaattanii jirttan.
24
Jiddu galaa wolii galchaa ka ta'e gara Yesusii, dhiiga Abeelii irra ka woyyu gara ka dubbatuutii fi gara dhiiga facaafamee'llee, dhiyaattanii jirttan.
25
Ka dubbatu san hin fudhannuun akkuma jedhaniintti ufi eeggadhaa, sunniin Waaqinni karaa namaatiin arddi'ii isaanitti yoo dubbatu hin dhageennu worri jedhan jalaa yoo hin bayin, eegaa nu'u sami'ii ka nutti dubbatu fudhachuu yoo dhabaanne attamitti jalaa baana!
26
Yeroo sanitti dubbiin isaa arddii sochoosee jira, amma garuu, «Arddii qofa uduu hin ta'in yeroo tokko irra deebi'ee, samii dabalataan ni sochoosa» jechu'uun, waadaa aseenee jira.
27
Kun ka, «Yeroo tokko irra deebi'ee» dubbii jedhu ka muldhisu, wonittoonni hin sochoone jabaatanii akka jiraataniif ka socho'an yookiin wonittoonni uumaman, dhabamisiifamuu isaaniiti.
28
Eegaa nu'u mootummaa hin raafaminne waan dhaalluuf Waaqa haa galatteeffanuu, haala gammachiisuun'llee kabaja'aa fi soda'aan, isa haa tajaajilluunii.
29
Waaqinni keenna akka ibidda gubuuti.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13