bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Luke 15
Luke 15
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 16 →
1
Qaraachota fi cubbamoonni marrinuu barsiisa isaa dhagayu'uuf wol ni gayanii, gara Yesusii dhufanii jiran turan.
2
Fariisotaa fi barsiisonni seera garuu kana arganii, «Kun ammoo cubbamoota ufitti ni fudhata, isaan woliin'llee ni nyaata» jedha'aa, Yesusiin irratti ni guunguman.
3
Kanaaf Yesus fakkeenna kana akkana jechu'uun isaanitti ni hime,
4
«Isin keessaa hoolota dhibbaa naminni qabu, dhibba keessaa tokko jalaa yoo badee sagaltamii sagilanuu bosonatti dhiisee haga ka bade argatutti, soqu'uuf ka hin deeminne eenu?
5
Yeroo argatetti'llee gammadee gurmmuu isaa titti baateeniiti, deebisee ni fidaan.
6
Gara mana isaa yeroo gayetti'llee waahellan isaatii fi olloota isaa bakka tokkotti waamee, ‹hoolaa kiyya ka bade argadhee jiraatii, gammadee jiraa isin'llee ana woliin gammadaa!› isaaniin ni jedha.
7
Gara Waaqaa titti deebi'uu ka isaan malu sababaa cubbamaa tokkootiin, sami'itti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin ni jedha.»
8
Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Maalaqa birri'ii kudhanii dubarttiin qabddu, kudhan keessaa maalaqinni takka uduu jalaa badee ibissaa ibisitee, mana isi'ii harattee, maalaqa jalaa bade haga argatutti, ufi eegganna'aan hin barbaadduu ree?
9
Yeroo argattetti'llee waahellan isi'iitii fi olloota isi'ii bakka tokkotti waamittee, ‹meeta birri'ii ka ana jalaa bade argadheenii, gammadee jira, isin'llee anaan woliin gammadaa!› isaaniin jetti.
10
Gara Waaqaa titti ka deebi'u sababa cubbamaa tokkootiin, sami'itti maleyikkoota Waaqaa biratti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin jedha.»
11
Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Naminni tokko ijoollee lamaa ni qaba ture,
12
Maandhichi'llee abbaa isaatiin, ‹abbaa, qabeenna kee keessaa qoodii gayaa kiyya naaf kenni!› jedheen. Kanaaf abbaan'llee qabeenna isaa ijoollee lamaaniif addaan ni qoode.
13
Guyyaa muraasaan duubatti maandhichi qabeenna isaa maraa wolitti qabee gara biyya fago'oo ni deeme, biyya sanitti'llee qabeenna isaa mara tasatti ni balleese.
14
Qabeenna isaa maraa eega fixeen duubatti, biyya san beelli cimaan aseenuu isaatiin, rakkinna irra ni bu'e.
15
Kanaaf namoota biyya sanii keessaa gara tokkoo ni dhiyaate, namichi'llee tissee booyyeewwanii ni taasiseen.
16
Hansaraa booyyeewwan nyaatan irraa'llee nyaatee garaa guuttachu'uuf ni hawwa ture, garuu kanuma'llee ka isaa kennu hin jiru ture.
17
Yeroo kanatti mucaan dogoggora isaa hubatee akkana jechu'uun ni yaade, ‹tajaajilttoonni mana abbaa kiyyaa titti mindeeffamanii hojjatan, buddeena haga quufantti nyaatanii ka isaan irraa hafu meeqa! Ani garuu asitti beelaan du'uu kiyya,
18
ka'ee gara abbaa kiyyaa haa deemeeti, abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleessee jira,
19
ammaa achitti ilma keeti jedhamuun anaan hin malu, garuu tajaajilttoota mindeeffamoota keetii keessaa, akka tokkoo ana taasisi, haa jedhuun› jedhe.
20
Kanaaf ka'ee gara abbaa isaa ni dhaqe.» Abbaan'llee, «Uduma fagoo jiru ilma isaa ni argeen, garaa laafeefii'llee gara isaa ni fiige, ammateenii'llee ni dhungateen.
21
Ilmi'llee, ‹abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleesee jira, ammaa achitti ilma kee jedhamuun, naan hin malu› jedhe.
22
Abbaan isaa garuu tajaajilttoota isaa waamee akkana jedhe, ‹dadafa'aatii uffata maraa caalu fida'aatiifiitii itti uffisaa! Quba isaa titti qubee, miila isaa titti'llee kophee godha'aafii!
23
Mirgoo coome'llee fida'aatii qalaa! Haa nyaannuu, haa gammannuu!
24
Ilmi kiyya kun du'ee ture, kunoo amma lubbu'uun ni jira, badee ture, argamee jira› » gamaduu'llee jala ni qaban.
25
«Yeroo kanatti ilmi hangafaa huji'iif gara bakka qonnaa bayee ture, deebi'ee yoo dhufu gara manaa yeroo dhiyaatetti, qooniqqa meeshaa sirbaatii fi sirbaa'llee ni dhagaye.
26
Tajaajilttoota keessaa tokko waamee, ‹maali'i wonitti?› jedhee ni gaafateen.
27
Tajaajilaan'llee, ‹obboleessi kee deebi'ee waan dhufeef, abbaan kee nagayaan waan isa argateef, mirgoo coome qaleefii jira› jedheen.»
28
«Obboleessi isaa ka hangafaa'llee haalaan dallanee, ‹gara manaa hin aseenu!› jedhe. Kanaaf abbaan gara alaa bayee gara manaa akka aseenuuf ni kadhateen.
29
Ilmi garuu abbaa isaatiif akkana jechu'uun ni deebise, ‹kunoo! Ani woggaa haganaa si tajaajilee jira, ajaja kee jalaa'llee bayee asii fi achi jedhee hin beeku, eegaa ani waaheloota kiyyaan woliin waan ittiin gammadu, ilmmayyooma tokko'llee naa kennitee, hin beekittu!
30
Ilmi kee kun garuu qabeenna kee dubarttoota sagaagalttootaan woliin baashessee yeroo deebi'etti, mirgoo coome ni qaltteef.›
31
Abbaan'llee akkana ni jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati yeroo maraa ana woliin ni jirta, kiyya ka ta'e marrinuu keeti.
32
Obboleessi kee kun garuu du'ee jira ture, amma lubbu'uun ni jira, badee ture, amma argamee jira, kanaaf haalaan gammadu'utu nurra mala.› »
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24