bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Luke 24
Luke 24
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
1
Dubarttoonni shittoo qopheessan qabatanii torbbee keessaa guyyaa jalqabaa (Dilbbata) ganama obboroo, gara bakka awwaalaa ni dhaqan,
2
dhagaan awwaalli ittiin cufame awaalaa irraa achi gangalatee, ni argatan.
3
Gara keessaa yeroo aseenanitti garuu, reeffa Gooftaa Yesusii hin arganne.
4
Waayee kanaatiin'llee maalalffachuu irra uduu jiran kunoo, uffata adii calaqisu ka uffatan, namoonni lamaa dhufanii isaa bira ni dhaabatan.
5
Dubarttoonni'llee haalaan sodaatanii gara lafaa gadi jedhanii uduu jiran namoonni, «Waayee maali'iitiif jiraataa worra du'an jiddu'uu barbaadan?
6
Inni asi hin jiru, ka'ee jira, Galiilaa yeroo turetti, waan inni isinitti hime yaadadhaa,
7
‹Ilmi Namaa cubbamootaaf dabarffamee kennamuun, fannifamu'uu fi guyyaa sadaffaa titti'llee du'aa ka'uun isaan ni malaan› isiniin jedhee ture.» isaaniin jedhan.
8
Dubarttoonni'llee dubbii Yesusii ni yaadatan,
9
bakka awwaalaatii'llee deebi'aanii kana maraa kudha tokkoo isaaniitii fi worra hafanitti'llee ni himan.
10
Kana'llee ergamittootatti ka dubbatan Maariyaam magdalaa, haadha Yohanna'aatii fi Yaaqoobii Maariyaamiin, akkuma kana dubarttoonni bira'aa'llee ni jiran turan.
11
Isaan garuu wonitti kun eebijjuu suura'aa isaatti waan fakkaateef, isaan hin amanne.
12
Phexiros garuu ka'ee gara bakka awwaala ni fiige, achi'llee yeroo gayetti gad jedhee yoo laalutti, woyaan leelashe'ee haphii ka reeffi isaa ittiin kafaname akkuma adda kaayamee jiruun ni arge, waan ta'een'llee maalalffata'aa gara manaa ni deebi'e.
13
Guyyama kanatti horddofittoota Yesusiin keessaa lamaan Yerusaalemiin irraa haga kiloo meetira kudha lamaa gara bakka fagaattee argamittu, Eemaahus jedhamtee gara ganda waamamuu, ni adeeman turan,
14
Isaan'llee waan ta'e kana maraa kaasanii, ufii isaaniitii woliin ni mari'atan turan.
15
Kana'llee yeroo haasayaanttii fi yeroo mari'atanitti Yesus mataan isaa gara isaanii dhiyaatee, isaan woliin adeemuu jala ni qabe.
16
Garuu ija isaaniitiin uduma isa argan eennuun akka ta'e beeku'uuf, hin danddeenne.
17
Inni'llee, «Adeemissa irra uduu jirttan ka irratti haasofttan wonitti kun maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan'llee gadda'aa qajeelanii ni dhaabatan.
18
Isaan keessa'llee tokko Qeleeyophaa ka jedhamu, «Guyyoota kanniintti Yerusaalemiin keessatti wonittoota raawwataman ka hin beekinne, keessummaan si'i qofaa?» jedheen.
19
Yesus'llee, «Maali'i inni?» isaaniin jedhe. Isaan'llee akkana jechu'uun ni deebisaniif, «Waayee waan Yesusii Naazireetii irratti raawwatameeti! Inni'llee Waaqaa fi namoota mara duranatti, dubbi'ii fi huji'iin'llee nabiyyii cimaa ta'e ture.
20
Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi bulchitoonni keenna'llee murtii du'aatiif dabarsaniinii isa ni kennan, akkuma kana ni fannisaniin.
21
Nu'u garuu, ‹Israa'eeliin ka fayyisu isa› jennee, abddii taasfinnee turre. Haa ta'u malee wonitti kun marrinuu eega raawwatame kunoo, adha guyyaa sadaffa'aati.
22
Gonkumaa nu'u jidduu dubarttoonni jiran tokko tokko nu maalalchiisanii jiran, isaan'llee adha ganama obboro'oon gara bakka awwaalaa dhaqanii turan,
23
garuu reeffa isaa hin arganne, ‹jiraataa ta'ee jira!› maleyikkoota jedhan muldhataan arginee jirra jedhaa'llee, deebi'anii ni dhufan.
24
Nu keessa'llee tokko tokko gara bakka awwaalaa dhaqanii, akkuma dubarttoonni jedhan ta'ee argatan, Yesusiin garuu hin argineen.»
25
Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Isin worra hin hubannee fi worra waan nabiyyoonni dubbatan mara'llee, amanuu irraa'llee onneen keessan ufi duuba hafitte!
26
Masihichiin rakkinna kana mara fudhachu'uu fi gara ulfinnaa aseenuun isaaf ni malaa mitii ree?»
27
Kanaan duubatti kitaaba Muse'eetii fi nabiyyootaa irraa jalqabee, kitaabban qulqullaayomota mara irrattuu waayee isaatiif ka himame tuqa'aa isaan ni hubachiise.
28
Gara ganda inni itti deemuu yeroo dhiyaatanitti'llee, Yesus bira dabrree waan deemu ni fakkaate.
29
Isaan garuu, «Guyyaan dhiyee jira, aduun'llee aseenu'uu isi'iiti, kanaaf nu'uun woliin asi buli!» jedhanii, cimisanii ni kadhataniin, sababa kanaan isaan woliin bulu'uuf, gara manaa ni aseene.
30
Isaan woliin'llee nyaataaf ni taa'e, buddeena ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti, kukkutee isaanii ni kenne.
31
Yeroo sanitti ijji isaanii banameeti Yesusiin ta'uu isaa ni beekan, inni garuu bakkumatti ija isaanii jalaa ni dhokate.
32
Isaan'llee ufii isaaniitii, «Karaa irratti ka nu dubbisa'aa turee fi kitaaba Qulqulluu'llee tuqa'aa nu hubachiisa'aa, onneen keenna akka ibiddaa titti ni bobayaa hin turree ree?» woliin jedhan.
33
Isaan'llee saa'aatima sanitti ka'aniiti gara Yerusaaleemii deebi'anii ni deeman, achitti'llee barattoota isaa kudha tokko worra woliin jiran woliin bakka tokkotti wol gayanii, isaan ni argatan.
34
Isaan'llee, «Gooftaan Yesus dhugamaanuu ka'ee jira! Simoontti'lee mulidhatee jira!» ni jedhan turan.
35
Barattoonni lamaan'llee gara isaaniitiin karaa isaanii irratti, waan ta'ee fi Gooftaan Yesus buddeena yeroo kute attamitti akka isa beekan'llee, isaanitti ni himan.
36
Isaan'llee uduma kana dubbata'aa jiran, Yesus mataan Isaa jidduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
37
Isaan garuu waan hafuura arga'aa jiran isaanitti fakkaatee, nayanii soda'aan ni liqimfaman.
38
Yesus garuu akkana isaaniin jedhe, «Waayee maali'iitiif naatan, waayee maali'iif'llee onnee keessantti shakkitanii?
39
Harka kiyyaa fi miila kiyya'llee arga'aatii ana mataa kiyya ta'uu beekaa, qaqabddan'llee ana laalaa, ana akkuma argitan, hafuurri fooni'ii fi lafee hin qabu.»
40
Kana'llee jedhee harkaa fi miila isaa isaanitti ni muldhise,
41
isaan'llee gammachu'uu fi baayi'inna maalalffataa irraa ka ka'een, amma'llee hin amanneen turan. Yesus'llee, «Waan nyaatamu woyii qabddanii?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
42
Isaan'llee qurxummii woxalame diqqoo ni kennaniif.
43
Inni'llee fuudhee isaan duranatti ni nyaate.
44
Yesus'llee, «Isin woliin yeroo turetti seera Muse'ee kennameen, kitaabban nabiyyootaatii fi kitaabban faaru'uu keessatti waayee kiyyaaf ka barreeffame marrinuu raawwatamuu qaba jedhee, dubbiin isinitti hime kana» isaaniin jedhe.
45
Kanaan duubatti kitaabban Qulqulluu hubachuu akka danda'an, sammuu isaanii isaaniif ni bane.
46
Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Masihiin rakkinna akka fudhatuu fi guyyaa sadaffaa titti'llee du'aa akka ka'u durssee barreeffamee jira,
47
akkuma kana maqaa isaatiin dhiifaminni cubbu'uu Yerusaalemii jalaqabee biyya maratti, ummata maraaf akka lallabamu dubbatamee jira.
48
Isin'llee waan kana maraafuu ragoota.
49
Kunoo! Ani abddii Abbaan kiyya isiniif kenne isinii ni erga, isin'llee olii huminna akka uffataa titti haga uffattanitti, magaalaa Yerusaalemii titti turaa.»
50
Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin magaalaa Yerusaalemiitii isaan baasee haga Bitaaniya'aa isaan ni fide, achitti'llee harka isaa diriirssee isaan ni eebbise.
51
Uduma isaan eebbisa'aa jiru'llee, isaan biraa fooyamee gara samii ol ni deebi'e.
52
Isaan'llee isaa sagadaniiti, gammachuu ol aana'aan gara Yerusaalemii titti ni deebi'an.
53
Waaqa'llee galateeffata'aa yeroo maraa Mana Waaqeffanna'aatii, hin fooyaman turan.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24