bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Luke 20
Luke 20
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
1
Guyyaa tokko Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti argamee, ummata ni barsiisaa fi wongeela'llee ni lallaba yeroo turetti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, jaarsotiin'llee gara isaa ni dhufan,
2
Isaan'llee, «Jedhi mee nutti himi, wonittoota kanniin ka raawwattu angoo maali'iitiin? Yookiin kanniin akka raawwatuuf angoo ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.
3
Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Ani'llee gaafii tokko isin ni gaafadha, jedhaa mee naaf deebisaa,
4
cuuphaan Yohaannisii Waaqa irraa ture moo yookiin nama irraayyi?»
5
Isan'llee akkana jechu'uun ufii isaaniitii woliin ni haasayan, «Waaqa irraayyi yoo jennee, ‹eegaa maali'iif itti amanuu diddan ree?› nuun ni jedha,
6
‹nama irraayyi› yoo jenne ammoo, ummanni marrinuu nabiyyummaa Yohaannisii titti waan amananiif, dhaga'aan nu woqaran.»
7
Kanaaf, «Eessaa akka ta'e hin beekinnu!» jechu'uun, ni deebisaniif.
8
Yesus'llee, «Eegasuu ani'llee angoo maali'iitiin wonittota kanniin akka raawwadhu, isinitti hin himu!» isaaniin jedhe.
9
Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana ummatatti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, qotee bulttootaaf'llee kireesseeti gara biyya bira'aa ni deeme, uduu hin deebi'in'llee yeroo baayi'eef ni ture.
10
Yeroo woyinniin daraaretti'llee abbaan biqilttu'uu firii woyinni'ii gayee isaa akka isaa fuudhuuf, tajaajilaa tokko gara qotee bulttootaa ni erge, qotee bulttoonni garuu tajaajilaa isaa dhaananii harka isaa duwwaa ni deebisaniin.
11
Akkuma kanaan tajaajilaa bira'aa'llee yoo ergu isaa'llee ni dhaananiin, salphisaniinii'llee harka duwwaa ni deebisaniin,
12
deebi'ee'llee tajaajilaa sadaffaa yoo ergu isa'llee dhaananii, madeessaniiniit, baasanii ni gataniin.
13
Kanaan duubatti abbaan biqilttuu woyinni'ii, ‹eegaa maal haa raawwadhu? Ilma kiyya ka jaaladhu ni erga, isa yookiin ni kabajaniin ta'aa!› jedhe.
14
Garuu qotee bulttoonni yeroo isa arganitti ufii isaaniitii akkana woliin jedhan, ‹kun dhaalaa isaati, kootaa isa haa ajjeefinnuu! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a!›
15
Kanaaf ilma isaa bakka biqilttuu woyinniitiin alatti baasanii, ni ajjeesaniin. Eegaa, abbaan biqiltuu woyinni'ii qonnaan bulttoota kanniin irratti, maal ka raawwatu sitti fakkaata ree?
16
Abbaan biqiltuu woyinni'ii mataan isaatuu ni dhufa, qonnaan bulttoota'llee ni ajjeesa, biqiltuu woyinnii'llee qonnaan bulttoota bira'aatiif ni kenna.» Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti, «Kun gonkumaa hin ta'in!» jedhan.
17
Yesus garuu gara isaanii laalee akkana ni jedhe, «Eegaa, ‹dhagaan kaabddonni tuffatan, mataa cabssataa ni ta'e› jedhamee ka barreeffame maal muldhisa?
18
Dhagaa san irratti ka kufu marrinuu ni caba, naminni dhagaan irratti kufu garuu, ni bututa» jedhe.
19
Barsiisonni seeraatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa fakkeenna kana isaan irratti akka dubbate beekanii, yeroo sanitti isa qabu'uuf barbaadanii turan, garuu ummata ni sodaatan.
20
Kanaaf Yesusiin qabu'uuf yeroo mijaayaa ni eeggatan ture. Aangoo bulcha'aatii fi qaama murti'iitiif'llee dabarssanii isa kunnu'uuf, jecha yakkaa isa irraa argachu'uuf ni barbaadan ture, kanaaf namoota fayyaaleyyii fakkaatanii, toowattoota haasayaan isa qaban itti ni erigan.
21
Toowattoonni'llee gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa! Wonitti ati dubbattuu fi barsiifttu'llee dhugaa ta'uu isaa ni beekinna, karaa Waaqaa dhuga'aan barsiiftta malee, eennuuf'llee hin dalttu.
22
Mee nutti himi! Akkaataa bu'ura seera keennaa titti nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun eeyyamamee jira moo yookiin hin eeyamaminne?»
23
Yesus garuu daba isaanii beekee akkana isaaniin jedhe,
24
«Mee qarshii isaa natti muldhisaa, qarshii kana irratti ka bocamee bifaa fi maqaan irratti barreeffame, ka eennuuti?» Isaan'llee, «Ka nugusa Rooma'aati» ni jedhaniin.
25
Yesus'llee, «Eegasuu ka nugusichaa nugusaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna!» isaaniin jedhe.
26
Isaan'llee ummata duranatti haasaya isaatiin isa qabu'uuf hin dandeenne, kanaaf deebii isaatiin maalalffatanii, ni caldhisan.
27
«Worri du'an hin ka'an» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhiyaatanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,
28
«Yaa barsiisaa! Museen akkana jechu'uun nuuf barreessee jira, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa dubarttii san fuudhee, ka du'ee fiixaa bakka haa buusuuf.›
29
Obboleeyyan torbatu jira ture, hangafnni isaan maraa haadha worraa fuudhee finna uduu hin argatin ni du'e.
30
Obboleessi itti aanu dubarttii san ni fuudhe,
31
Sadaffaan'llee ni fuudheen, akkaataa kanaan duubatti torbanuu isii fuudhaniiti, ijoollee uduu hin uumatin ni du'an.
32
Maraan duubatti dubarttiinuu ni duute.
33
Torbanuu tartiibaan isii fuudhaniinii jiraniitii eegaa yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?»
34
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Namoonni biyya lafa kanaa ni fuudhan wolitti'llee hin fuusisan'llee.
35
Du'aa ka'anii biyya dhufu keessa jiraachuun namoonni isaaniin male garuu, hin fuudhan, wolitti'llee hin fuusisan.
36
Akka maleeyikkootaa waan ta'aniif hin du'an, du'aa'llee waan ka'aniif isaan Ijoollee Waaqaati.
37
Waayee du'aa ka'iinssa worra du'anii garuu, Museen waayee ibidda ximmirro'oo seenaa dubbate keessatti Goofta'aan, ‹Waaqinni Abrahaamii, Waaqa Yishaaqii, Waaqa Yaaqoobii› Jedhee, waameenii jira.
38
Kanaaf Waaqinni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa worra du'aaniitii miti, marrinuu isaaf lubbu'uun ni jiraatan» jedhe.
39
Barsiisota seeraa keessaa tokko tokko, «Yaa barsiisaa! Mishaa dubbattee jirta!» jedhan.
40
Achii asitti'llee ka Yesusii gaafii dhiyeessu'uuf ugge, eennu'llee hin jiru.
41
Kanaan duubatti'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Attamitti Masihichiin ilma Daawiit isaan jedhaniin?
42
Daawiiti mataan isaatuu bee kitaaba faarffanna'aa keessatti,
43
‹Gooftaa Gooftaan kiyyaaf, diinota kee miila kee jala haga siif taasisutti, mirga kiyyaan taa'i ni jedheen› ni jedha.
44
Eega Daawiiti mataan isaatuu Gooftaa jedhee eega waameen, eegaa Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'u'uuf, danda'a ree?»
45
Ummanni marrinuu uduma isa dhageefata'aa jiran, Yesus barattoota isaatiin akkana ni jdhe,
46
«Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gaba'aa titti nagaya kabajaa fudhachuu, bakka woligayi'ii titti'llee barcumaa ulfinnaa, bakka afeerri'itti'llee bakkee kabajaa worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa.
47
Isaan'llee fakkeessu'uuf kadhannaa dheeraa dhiyeessaniin sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii iraa du'an ni saaman, kanaaf murtiin caalaa ta'e isaan ni argataan» jedhe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24