bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Luke 17
Luke 17
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
1
Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Namoota gufachiisanii gara cubbu'uu titti wonittoonni gataniin, dhufuun isaanii hin hafu, garuu gufannoo cubbu'uu ka fidu nama saniif garuu, uunsha'a!
2
Naminni kumi'llee mandhaawwan kanniin keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan guddaan daakka'aa morma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisa'aa titti uduu gatamee isaa woyya ture.
3
Kanaaf mataa keessaniif ufi eeggadhaa! Obboleessi kee yoo si miidhe itti baanadhuun! Balleessaa isaatiin yoo gaabbe'llee dhiifama taasisiif!
4
Guyyaa keessatti yeroo torbaa yoo si miidhee fi guyyaa keessatti'llee yeroo torbaa gara kee dhufa'aa, ‹balleessaa kiyyatti gaabbee jira› yoo siin jedhe, dhiifama taasisiif.»
5
Ergamittoonni'llee Gooftaa Yesusiin, «Yabo'oo amantii nuuf dabal» jedhaniin.
6
Gooftaan Yesus'llee, «Amantii firii suuniffa'aa gayu uduu qabaattaniit, muka harbbu'uu kanaan, ‹asii buqa'iitii garba ciisaa keessatti dhaabadhu!› yoo jettaniinii, isiniif ni ajajama» isaaniin jedhe.
7
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin keessaa tokko ka hujii qonnaa irratti bobbaye, yookiin tajaajilaan hoolota tissuu yoo qabaate, tajaajilaan yeroo huji'ii deebi'e bakkumatti, ‹koottu! Taa'iitii irbaata kee nyaadhu!› ni jedhaanii ree?
8
Kana irra, ‹ka'i! Irbaata kiyya naaf qopheessi, haga nyaadhu fi haga dhugutti'llee, dhaabadhuutii ana tajaajili, kanaan duubatti ati ammoo ni nyaatta, ni dhugidda› jedhaanii mitii?
9
Eegaa, tajaajilaan waan ajajame waan raawwateef, gooftaan isaa waan isa galateeffatu isinitti fakkaata ree?
10
Isin'llee akkuma kana waan ajajamittan maraa yeroo raawwattanitti, ‹nu'u tajaajilttoota hin fayyadinne, ka raawwanne'llee dirqama keenna qofa› jedhaa.»
11
Yesus gara Yerusaalemii yoo deemutti Samaariyaa fi Galiilaa jiddu'uun ni dabrra ture,
12
Gara ganda tokkoo yeroo aseenetti'llee, waashayonni kudhanii gara isaa dhufanii fagoo ni dhaabatan,
13
qonqqa isaanii'llee ol fudhatanii, «Yaa Yesus, yaa barsiisaa, yabo'oo nu fayyisi!» jedha'aa, ni iyyan.
14
Yesus'llee isaan laaleeti, «Deemaa! Qaama keessan qeesotatti muldhisaa!» isaaniin jedhe, Isaan'llee uduma deema'aa jiran, waashayinna isaanii irraa ni fayyan.
15
Isaan keessaa'llee tokko waashayinna isaa irraa fayyuu isaa yeroo argetti, qonqqa ol aana'aan Waaqa galateeffata'aa, ni deebi'e.
16
Yesusiin'llee galateeffata'aa miila isaa jalatti kallachaan ni kufe, inni'llee nama biyya Samrya'aa ni ture.
17
Yesus'llee akkana ni jedhe, «Namoonni waashayinna irraa fayyan kudhan hin turree? Eegaa, sgilan eessa jiran?
18
Waaqa galateeffachu'uuf deebi'ee ka dhufe, nama alaga'aa kana malee, ka bira'aa tokko'llee hin argaminne?»
19
Kanaan duubatti Yesus nama saniin, «Ka'iitii deemi, amantiin kee si fayyisee jira» jedheen.
20
Worri Fariisonni Yesusiin, «Mootummaan Waaqaa yoom dhuftti?» jechu'uun, ni gaafataniin, inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Mootummaan Waaqaa ka dhufittu bifa namoonni qophaayanii eegganiinii miti,
21
akkuma kana, ‹kunoo, asi jirtti yookiin achi jirtti› ka jedhamtuu miti, kunoo, Mootummaan Waaqaa jidduu keessan jirtti.»
22
Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Guyyoota Ilma Namaa keessaa tokko argu'uuf guyyaan itti hawwitan ni dhufa, garuu hin argitan.»
23
Namoonni, kunoo, Kristos asi jira! Yookiin achi jira! isiniin ni jedhan, garuu hin deeminaa, isaan'llee hin horddofinna.
24
Bakakkaan samii irratti yoo falaqqisu daanga'aa haga daanga'aa titti akkuma ifutti, Ilmi namaa'llee yeroo dhufutti akkuma kana ni ta'a,
25
garuu Ilmi Namaa durssee rakkinna baayi'ee fudhachu'uuf, dhaloota kanatti'llee tuffatamu'uu fi ashamuun dirqama.
26
Akkuma bifa bara Noohii ta'etti, Ilmi Namaa yeroo dhufetti akkuma bifa ta'ee titti Ilmi Namaa yeroo dhufutti'llee, akkanuma kana ni ta'a.
27
Haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti namoonni uduu nyaata'aatii fi uduu dhugan, uduu fuudha'aatii fi wolitti fuusisan'llee ni turan, yeroo sanitti bishaan balleessa'aa dhufeeti, irra garagaleeti mara isaaniituu ni balleese.
28
Akkuma kana ammoo akkuma bifa bara Looxii titti ta'een ni ta'a, yeroo sanitti namoonni uduu nyaatanii fi uduu dhugan, uduu bitanii fi uduu gurguran, biqilttuu uduu dhaabanii fi mana'llee uduu ijaaran ni ture.
29
Garuu Looxi Sadoomii guyyaa itti bayetti, Ibiddaa fi dinniin sami'ii roobee marumaa ni balleesse,
30
Guyyaa Ilmi Namaa itti muldhatutti'llee, akkuma kana ni ta'a.
31
Guyyaa sanitti naminni baaxii mana isaa irra jiru meeshaa mana keessa jiru fudhachu'uuf hin bu'in, naminni bakka qonnaa jiru'llee, gara mana isaa hin deebi'in.
32
Haadha worraa Looxii yaadadhaa!
33
Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni dhabaan, lubbuu isaa dabarssee ka kennu marrinuu, ni fayyisaan.
34
Halkan sanitti naminni lamaan siree tokko irra ni rafan, isaan keessaa'llee tokko ni fudhatama, kuun ni hafa, isiniin jedha.
35
«Dubarttoonni lamaa bakka tokkotti woliin ni daakan, takkattiin ni fudhatamitti, tuun ni hafitti. [
36
Namoonni lamaan bakka qonnaa tokko ni hojjatan, tokko ni fudhatama, kuun ni hafa.»]
37
Barattoonni isaa'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa, garamtti ka fudhataman?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee, «Raqinni bakka jirutti rumichoonni wol ni gayan» jechu'uun isaanii ni deebise.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24