bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
John 19
John 19
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
1
Hennaa san Philaaxoos Yesuusiin qabee dhaansise.
2
Loltoonnillee Korbobboo qore'ee maranii mataa irra kaayan; uffatta diimaa itti uwwisan.
3
Itti dhiyaatanii, Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haata'uu jedha'aa, dhabanaasaniin.
4
Philaaxoosillee ammoo gara diidaa bayee, «Kunoo dhara tokkollee akka isa irratti hin argine akka beettan isa ammoo gara diidaa isinii baasa» isaaniin jedhe.
5
Yesuusillee Korbooboo qoree matatti godhatee uffata diimaa uffatee gara diidaa baye, Philaaxoosillee, «Namichi! Kunooti!» isaaniin jedhe.
6
Bulchoonni gadootaatii fi hojjattoonni hennaa argan, «Fannisi! Fannisi! jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, ani dhara tokkollee isa irratti waan hin argineef, isin fuudha'aatii fannisaa'a» isaaniin jedhe.
7
Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan.
8
Kanaaf Philaaxoos waan kana haga dhagaye guddisee sodaate.
9
Deebi'ee gara moonaa bulcha'aa seenee, «Ati eessaa dhufte?» jedheen. Yesuus ammoo waan tokkollee hin deebifneef.
10
Philaaxoos, «Natti hin himtuu? si fannisu'uufillee si hiiku'uufillee baallii akka qabu hin beettuu?» jedheen.
11
Yesuusillee deebisee, «Olii uduu sii kennamuu dhabaatee, silaa ana irratti baallii hin qabdu. Kanaafuu ka dabarsee sitti na kenneef cubbuun isaa ka caalu ta'a» jedheen.
12
Asiin maayessa Philaaxoos hiiku'uunii fedhe, haata'uu ammoo Yihuudonni, «Kana yoo hiitte, ati jaalalloo Qeesaariitii miti. Ka mootii uf taasisu maruu, faalleessaa Qeesaariiti» jedha'aa wocan.
13
Philaaxoosillee waan kana dhagayee, Yesuusiin gara diidaa gad baasee, gara hulee dhagaa baxxichaa ka afaan Ibiraayisxiitiin, «Gabataa» jedhamuutitti barcumaa murti'ii irra taa'e.
14
Guyyaanillee guyyaa faasika'aaf qophaayan ture, gara sa'aatii jahaatitti Yihuudonnillee, «Kunooti mootiin keessan» isaaniin jedhe.
15
Isaan ammoo, «Balleessii! Fannis!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «Mootii keessan fannisuu?» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaallee, «Qeesaariin achitti mootii biraa hin qabnu!» jedhanii deebisaniif.
16
Kanaaf hennaa san akka fannifamu dabarsee isaanitti kenne.
17
Yesuusiinillee qabanii deemaniin, fannoollee baadhatee afaan Ibiraayisxiitiin gara gaara, «Golgootaa» jedhamu hulee «Buqqee mata'aa» jedhamuutti baye.
18
Achitti fannisaniin isa woliin kaawwan bita'aa fi mirgaan Yesuusiin ammoo wodhakati fannisaniin.
19
Philaaxoosillee akkasuma barreeffama barreessee fannoo irra kaaye. Barreeffamnillee, «Yesuusii Naazireetii mootii Yihuudi'ii» ka jedhu.
20
Huleen Yesuus itti fannifame waan gara qacha'aa dhiyaatuuf, Yihuudonni hedduu barreeffama kana dubbisa'aa turan, afaan Ibiraayiisxiitiin, Roomaa'aatii fi Giriikiffaatiinillee barreeffameera.
21
Kanaaf bulchoonni gadootaa Yihuudii Philaaxoosiin, ‹Akka inni, ani mootii Yihuudotaati› jedhe, ati, «Mootii Yihuudotaati jettee hin barreessin» jedhaniin.
22
Philaaxoosillee, «Waan barreessu barreesseera» jedhee deebiseef.
23
Loltoonni Yesuusiin haga fannisaniin maayessa uffata isaa hulee afuritti qoodanii qoodaman. Kittaa isaallee hin fudhatan. Kittaan gubbaa haga jalaa ka gad diratan malee ka hodhamee miti.
24
Kanaaf, «Hixaa itti haa buufannuu malee, hin biinxinu woliin jedhan. Kunillee, uffata kiyya gargar qoodaman, kittaa kiyyallee hixaa itti buufatan» ka jedhame dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf worri loltootaa akkas godhan.
25
Haata'uu ammoo fannoo Yesuusii biratti, haadha isaa, obboleettii isaa, haadha, haadha manaa Qalayoophe'ee, Maariyaamii Maqidaala'aatii fi Maariyaamillee achi dhaabatanii turan.
26
Yesuusillee, haadha ufiitiif darasaa jaalatu isa bira ka dhaabata'aaru hennaa arge, haadha isaatiin, «Haadha tiyya, mucaan kee kunooti» isi'iin jedhe.
27
Asiin maayii darasichaan, «Haati tee kunooti» jedheen. Achiin maayessa sa'aatii san irraa jalqabee darasichi gara mana ufii galeen.
28
Asiin maayii Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee, dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe.
29
Meeshaan daadhiin woyini'ii dhangaggooftuun keessa guute tokko achi ture; isaan keessaa tokko fiigee dhufee qaccee ule'eetitti carqii hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeessaniif.
30
Yesuusillee haga haadhayaa san fudhateen maayii raawwatame jedhee mata'aan gad rarra'ee lubbuu ufii dabarsee kenne.
31
Yihuudonni guyyaan guyyaa ayyaanaaf qophaayan waan ta'eef, Sambanni sunillee guyyaa guddaa waan tureef reeffi isaa guyyaa Sambataa fannoo irra akka hin oolle luka cabsanii akka buusaniif Philaaxoosiin kadhatan.
32
Loltoonnillee dhufanii, luka namicha Yesuusiin afo'otti isa woliin fanniffamee kaanillee cabsan.
33
Gara Yesuusii hennaa dhufan ammoo inni sirima akka du'e arganiiti luka isaa hin cabsine.
34
Haata'uu ammoo loltoota keessaa tokko kalee eebo'oon woraannaan yoosuu dhiinninii fi bisaan keessaa jige.
35
Ka argellee rageera ragaanillee dhuga'a, isinillee ammoo akka amantan inni akka dhugaa dubbatu hin beeka.
36
Kun wonti ta'eef, «Lafeen hin cabu» ka jedhu dubbiin kitaaba Rabbii akka raawwatamuuf.
37
Akkasuma kitaabni biraallee, «Worri woraane hin arga» jedha.
38
Asiin maayii waan Yihuudiin sodaateef dhossa'atti ka darasaa Yesuusii ture, Yooseefiin Armaatiya'aa reeffa Yesuusii fudhachu'uuf Philaaxoosiin kadhate. Philaaxoosillee hin kenneef. Kanaaf dhufeeti reeffa Yesuusii fudhate.
39
Akkasuma Niqoodimoosiin achiin dura halkaniin gara Yesuusii dhufee, qumbi'ii fi hadhaa hargiisaan wolitti makame, haga karbee xaasaa afurtamaa gayu qabatee dhufe.
40
Reeffa Yesuusiillee fuudhee akka seera Yihuudonni itti urgo'oon uffata woyaa qoolaatiin sattaran.
41
Urgee inni itti fannifame sanitti biqiltu'utu jira. Hulee biqiltu'uu sanitti haga hennaa sanii womaa itti hin awwaalamne.
42
Kanaaf huleen awwaalaa dhiyoo waan tureef haga gaafa Yihuudonni qophayaniitiif reeffa Yesuusii achi kaayan.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21