bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
John 2
John 2
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
1
Guyyaa saddaffa'aatitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte.
2
Yesuusii fi darasoonni isaallee cidha sanitti waamamaniiran.
3
Hennaa daadhiin woyni'ii isaan jalaa dhumate, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii hin qabanii bee» jettee Yesuusitti himte.
4
Yesuusillee, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himini; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe.
5
Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra ansaadanitti himte.
6
Yihuudonni aadaa ufi qulqulleessu'uu waan qabaniif, gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin martinuu waabaa lama yookiin sadi qabata.
7
Yesuusillee worra cidha galchuun gaanii sanniinitti bisaan guutaa jedhe. Isaanillee haga afaanii guutan.
8
Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a jedheen. Isaanillee isaanitti kennan.
9
Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammoo hin beekan. Ka cidha galchu Abbaa cidhaa waamee,
10
Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen.
11
Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan.
12
Kanaan maayii, Yesuus haadha ufii, Ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirinaahomii gad bu'anii; guyyaa hago'oof achi taa'an.
13
Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudii dhiyaate, Yesuusillee gara Yeruusaalemii dhaqe.
14
Mana woyyuu keessatti worra sangoota, hoolotaa fi handarii gurgurataniif, worra birrii sharafan ka taa'aniiran argee,
15
Innillee xurqaayyee dhayatee, sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee; worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran garagalchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse.
16
Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.
17
Darasoonni isaallee, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guba» jedhamee ka barreeffame qaabatan.
18
Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin.
19
Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.
20
Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe, ati ammoo guyyaa sadi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin.
21
Inni ammoo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate.
22
Kanaaf haga du'aa ka'een maayii, darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii, kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan.
23
Uduu Yeruusaalem jiru hennaa ayyaana Faasika'aa malkata inni godhe haga argan, namoonni hedduu maqaa isaatitti amanan.
24
Haata'uu ammoo Yesuus namoota maraa hin beeka. Waan namaa eennullee isaa raguu hin barbaachisu, Inninuu waan nama keessa jiru waan beekuuf.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21