bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
John 20
John 20
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
1
Sambata guddaa jalqaba torbaanii Maariyaam Magidalaawit ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaanillee ka awwaala irraa gangalfameeru argite.
2
Fiiga'aa gara darasicha Yesuus jaalatuuf gara Simoon Pheexroosii dhaxxee, «Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beennu» isaaniin jette.
3
Kanaaf Pheexroosii fi darasaan biraallee bayanii gara awwaalaa dhaqan.
4
Isaan lamaanuu woliin fiiganii darasaan biraallee Pheexroos bira lufee daddafee afo'otti fiigee firrisee hulee awwaalaa gaye.
5
Gadi jedhee yoo laalu uffata isaan sattaran achitti arge, haata'uu ammoo hin seenne.
6
Simoon Pheexroosillee isa faanaa dhufee awwaala keessa seene.
7
Uffata isaan sattaranillee achitti arge. Akkasuma uffata mataa isaa irra ture kopha'atti ka hulee tokkotti marameeru arge.
8
Ka hennaa san firrisee gara hulee awwaalaa dhufee ture darasichi biraallee seenee, argee amane.
9
«Ka worra du'an keessaa hin ka'a» jedhu ka haga hennaa sanii waan hin hubanneef.
10
Darasoonni deebi'anii gara mana ufii deeman.
11
Maariyaam ammoo booya'aa awwaalaan ala diida dhaabata'aa turte. Booya'aa awwaalatti gad jettee laalte.
12
Maleekkaan lamaa uffata adii uffatanii hulee reeffi Yesuusii ciisee ture tokko mataa irraan kun jalaan taa'ee argite.
13
Isaanillee, «Intala nana maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.
14
Kana jetteeti uf duuba midhaattee yoo laaltu Yesuusiin ka dhaabateeru argiteen. Isiin ammoo Yesuusiin akka ta'e hin beenne.
15
Yesuusillee, «Intala nana, maaf bootta? Eennuun soxxaa?» jedheen. Isiinillee nama biqiltuu eegu seeteeti, «Gooftaa kiyya! Ati yoo fudhatee jiraatte, eessa akka keette natti himi, anillee dhaqee fudhadhaa» jetteen.
16
Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen, isiinilee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa kiyya» jechu'u.
17
Yesuusillee, amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqinii! deemiitii, gara obbolleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Rabbii kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhiitii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
18
Maariyaam Magidalaawit gara darasootaa dhaxxee, an Gooftaa argeera jette. Waan inni isi'itti hime maraa isaanitti himte.
19
Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa duraati, hennaa dhiye hulee darasoonni wolgayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif balbala cufatanii uduu jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'u!» isaaniin jedhe.
20
Kana jedheeti harkaa fi cinaacha ufii isaanitti mudhise, darasoonnillee haga Gooftaa argan hin gammadan.
21
Yesuus ammallee lamata, «Nageenni isiniif haata'u. Akkuma Aabba na erge, Anillee isin erga» isaaniin jedhe.
22
Kana jedhee hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyuu fudhadhaa'a!
23
Worri isin cubbuun isaanii dhiiftaniif maruu cubbuun isaanii dhiifama. Yoo isin araaramu'uufii baattan, isaan araara hin argatan» isaaniin jedhe.
24
Haata'uu ammoo kudha lamaan keessaa tokko, «Didimoos» namni jedhamu, Toomaas hennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
25
Darasoonni kuuwwan, «Gooftaa argineerra!» jedhaniin. Inni ammoo, «Harka isaa ka mismari'iin woraanname malkata san argu malee, quba kiyyallee qaalawa san keessa kaayu malee, kalee isaa keessa cinaacha keessa yoo harka hin keenne hin amanu» isaaniin jedhe.
26
Guyyaa sadeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'uu» isaaniin jedhe.
27
Achiin maayessa Toomaasiin quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee, ka hin amanne hin ta'in!» jedheen.
28
Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.
29
Yesuusillee, «Ati waan na argiteef amanteerta; worri uduu hin argine amanan isaan worra eebbifame!» jedheen.
30
Yesuusillee kitaaba kana keessatti ka waan hin barreeffamne maalalee biraallee heddu darasoota afo'otti godhe.
31
Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21