bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Mark 16
Mark 16
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Sambanni haga lufeen maayii Maariyaamiin Maqidalaa, Maariyaamiin haati Yaaqoobiitii fi Saloomeen nafa Yesuusiitiif Urgoo dibu'uuf bitan.
2
Torbaan keessa guyyaa Sambata gudda'aa obboroo haga aduun baate gara awwaalaa dhufan.
3
Isaan kara'atti, «Dhagaa afaan awwaalaa irraa eentu nuu gangalcha?» Woliin jedha'aa turan.
4
Waan dhagaan guddisee guddaa tureef, itti siiqanii hennaa laalan dhagaan balbala awwaalaatii ka garagalfameeru argan.
5
Gara awwaalaa hennaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaa tiin taa'eeru arganii nayan.
6
Inni ammoo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan.
7
Haata'uu ammoo deema'aatii, darasoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isin firrisee Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin argitan› jedha'aatii himaa'a!» isaaniin jedhe.
8
Isaan naasu'uun bararraaqanii, achi keessaa bayanii awwaala biraa baqatan; sodaatanii waan turaniif eennuttillee womaa hin dubbanne. Isaan waan inni isaan ajaje maraa Pheexroosii fi worra isa woliin jiranitti gabaabsanii himan. Kanaan maayessa Yesuus Innumti Oduu Nagayaa ka fayyinna bara baraatiif ta'e Woyyuun hin jijjiiramne, baya biiftu'uutii haga dhiyaa isaan harka kaayee erge.
9
Yesuus jalqaba torbaanii, [guyyaa Sambata gudda'aa] ganama barii hennaa du'aa ka'e, dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseetti mudhate.
10
Isiin gara worra duri isa woliin jiranii, ka guddisanii gaddanii booya'aa jiranii dhaxxee, waan kana isaanitti himte.
11
Isaan ammoo akka inni jiraataa ta'ee fi akka isiin isa argitellee hennaa dhagayan hin amanne.
12
Achiin maayessa isaan keessaa nama lamaa ka gara baadiya'aa deeman argee, karaa irratti bifa biraatiin isaanitti mudhate.
13
Isaanillee deemanii ka biraatitti odeessan. Isaan sunillee isaan hin amanne.
14
Achiin maayessa uduu isaan hurbaataa nyaachu'uuf ta'aniiran kudha tokkotuu mudhate; ka'ee sababa isaan garaa jabaatanii amanuu dhabaniif isaan tuffate.
15
Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaa lallabaa'a!
16
Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama.
17
Worri natti amane, maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.
18
Bofa yoo harkaan qaban, yookiin yoo waan nama ajjeesullee dhugaan isaan hin miidhu; harka ufiillee worra dhibamtoota irra yoo kaayan isaan hin fayyan» isaaniin jedhe.
19
Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.
20
Isaanillee bayanii, naannoo maraa dhaqa'aa, Oduu Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16