bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Mark 7
Mark 7
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa worri Yeruusaalemii dhufan gari gariin Yesuusiin biratti wolgayan.
2
Darasoota isaa keessaa gari gariin uduu hin dhiqanne harka xuri'iitiin xoroshoo uduu nyaatan arganii,
3
Fariisonninii fi Yihuudonni maruu seera manguddootaa eegu'uuf harka ufii midhaasanii uduu hin dhiqatin hin nyaatan.
4
Gabaya'aa yoo deebi'an uduu ufi hin qulqulleesin hin nyaatan. Aadaan isaan kabajjan ka biraallee heddutu jira; isaanillee kobbee, ottee, qorii waan akka sibiilaa irraa hojjatamee fi siree fa'a dhiqu'u.
5
Kanaaf Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa, «Darasoonni tantee akka aadaa manguddootaatitti jiraatuu dhiisaanii harka xuri'iitiin maaf hurbaata nyaatan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.
6
Inni ammoo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajjan, garaan isaanii narraa fago'o.
7
Aadaa namaa akka ajaja Rabbiititti barsiisa'aa, na kaddaamuun isaanii gatii hin qabu› ka jedhe dhuga'a.
8
Isin ajaja Rabbii dhiiftanii xuwwe'ee fi ottee dhiqu'uun seera namaa eeddan. Kanaaf waan kana fakkaatu waan biraallee waan heddu gootan» isaaniin jedhe.
9
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe: «Aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii ajaja Rabbii guddiftanii tuffattan.
10
Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa kee kabajji!›, ‹Haadhaa fi abbaa ufii ka abaaru haa ajjeefamuu› jedhee ajajeera.
11
Isin ammoo namni tokko haadhaa fi abbaa ufiitiin, ‹Wonti isinii kennuu na barbaachisu, Rabbiif kennameera› yoo jedhe,
12
Achiin maayii haadhaa fi abbaa ufiitiif waan tokkollee akka godhu hin hoffolchitan.
13
Aadaa teessan ta wolitti dabarsitan sanniiniif, dubbii Rabbii diiddan. Akkasuma kanniin ka fakkaatu waan heddu gootan.
14
Akkasuma baniillee waamee, «Isin martinuu na dhageeffadhaa'a; qalbeeffadhalle'e.
15
Wonti nama batteessu waan keessa namaatii bayu malee, ka diidaa gara gara'aa seenu tokkollee nama hin batteessu.
16
[Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu]» isaaniin jedhe.
17
Banii keessaa gara manaa hennaa seene darasoonni isaa waan mammaaka sanii isa gaafatan.
18
Inni, «Isinillee kana maraa worra hin qalbeeffannee? diidaa gara afaanii ka seenu sirimaa akka nama hin batteessine hin argitanii?
19
Gara gara'aa seenee gara diidaa baya malee, gara qalbi'ii hin seenu» isaaniin jedhe. Yesuus akkana jechu'uun nyaanni martinuu qulqulluu akka ta'e ibse.
20
Yesuus itti aansee akkana jedhe: «Waan garaa namaa keessaa bayutu nama batteessa.
21
Wonti garaa namaa keessaa bawu: Yaada hamaa, seebaruu, hanna, ajjeesuu,
22
seebaruu, luqunuu, hammeenna, sobuu, hoossuu, hinaaffaa, maqaa balleessuu, uf jaju'uu fi ceem'uu fa'a.
23
Hamtuun kun martuu keessa namaatii bayee nama batteessa.»
24
Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammoo dhokachuu hin dandeenne.
25
Dubartiin takka ta mucattiin isi'ii ayyaana batti'iin qabamteertu, gurra Yesuusii dhageettee dhuftee, luka isaa jalatti jidde.
26
Dubartittiin sun nama Giriikii ti; isiin biyya Sooriya'aa keessatti hulee Finiiqee jedhamtutti dhalatte. Isiin akka mucattii isi'ii keessaa jinnii baasuuf Yesuusiin kadhatte.
27
Yesuus ammoo, «Mee dura ijoolleen nyaattee haa quuftuu; nyaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun sirri'ii miti» jedheen.
28
Isiinillee deebiftee, «Ee, Gooftaa'a, sariinillee waanuma qorii ijoolle'ee irraa harca'e nyaatanii mii!» jetteen.
29
Innillee isi'iin, «Dubbima kee kanaafuu jinniin mucattii tee keessaa bayeera; gara mana keetii gali» jedheen.
30
Isiin hennaa gara manaa deebitee galte, jinniin mucattii keessaa bayee, mucattiinillee ta siree irra ciifteertu argite.
31
Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee, karaa Sidoona'aatiin lufee, biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe.
32
Jarri tokko namicha gurra duuda'aa ka afaan wolhidhu gara Yesuusii fidanii, akka inni harka ufii isa irra kawuuf kadhatan.
33
Yesuus namicha san gumii keessaa adda isa baasee, quba ufiillee gurra isaa keessa kaaye. Achiin maayii tufee arraba isaa tuqe.
34
Gara sami'ii ol jedhee laalee, hafuura guddaa baafatee, «Efaataa» jedheen. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u.
35
Yoosuu gurri isaa banamee, arrabni isaallee hiikkamee qajeelchee dubbate.
36
Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammoo uduu inni isaan seeru, guddisanii odeessan.
37
Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu hin godha» jedhan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16