bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 Samuel 19
1 Samuel 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 20 →
1
Daawiti akka ijjeesanuuf Saa'ol ilma ifii Yonaataanii fi tajaajiltoota ifii maratti hime; ilmi Saa'olii Yonaataan garuu guddoo Daawiti jaalataayyu.
2
Yonaataan, «Abbaan kiyya Saa'ol si ijjeesiisaaf barbaada. Tanaaf, boru ganama ifi eegadhu. Addee dhokaataa keessatti dhokadhuutii achuma turi!
3
Ani fichaa ati keessa jirtu abbaa kiyya bira dhaabbadhee marroo teeti isatti hin dubbadha. Waan te'u ilaalee sitti hin hima» jedhee Daawititti hime.
4
Yonaataan marroo Daawitii waan dansaa dubbatee abbaa ifii Saa'oliin, «Ee, mooti'i! Tajaajilaan keeti waan guddoo dansaa te'e si'iif huje malee, si hin yakkine; tanaaf isa hin yakkin.
5
Inni lubbuu ifiitiif adoo hin mararfatin Filisxeemicha san ijjeese; Mootiin Waan Maraalle injifachaa guddaa kolbaa Israa'elii maraaf kennee, atille dhaggitee gammadeerta. Maaf sababa malee nama yakkaa hin qanne Daawiti ijjeettee cubbuu hujja ree?» jedhe.
6
Saa'ol dubbii Yonaataanii caqasee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Daawiti hin ijjeefamu!» jedhee kakate.
7
Maarre Yonaataan Daawiti waamee dubbii tana mara isatti himee gara Saa'olii isa geesse; Daawitille akkuma qaraa Saa'ol tajaajile.
8
Ammalle lolli dhibiin ka'e. Daawitille dhaqee Filisxeemota lolee, guddoo isaan fixee, isaanille isa duraa baqatane.
9
Achiin duuba Saa'ol eboo qabatee mana ifii adoo te'eeruu, Mootii Waan Maraa biraa ayyaanni hamaan isa irratti bu'e. Daawitille kiraara guddicha taphatiisatti jiraayyu.
10
Saa'ol dhaaba manaa woliin Daawiti qassiisiisaaf eboo ifii darbate; Daawiti garuu duraa waan miliqeef eboon dhaaba manaatitti sikkante. Daawitille galgala san baqatee miliqe.
11
Saa'ol mana Daawitii marsanee ganama akka isa ijjeesanuuf namoota erge; haati manaa ta Daawitii Mikaal ammoo, «Lubbuu teeti hamburatiisaaf edana yoo hin baqatin, boru hin ijjeefanta» jettee itti hinte.
12
Maarre Mikaal karaa fodda'aatiin Daawiti gad buuttee, innille baqatee miliqe.
13
Achiin duuba Mikaal fakkii waaqa dharaa fuutee taqee irra irkittee, mataa duraan boraatii rifeensa re'e'ee boraafachiittee woyaa itti uffitte.
14
Daawiti akka qabanuuf Saa'ol namoota yennaa erge, Mikaal, «Inni dhibameera» jette.
15
Achiin duuba Saa'ol namooti dhaqanee akka Daawiti ilaalanuuf ergeen, «Ani isa akka ijjeesuuf taqee isaa woliin isa gara kiyya fida'a» jedhe.
16
Namooti ergamane sun mana yennaa seenane, fakkiin waaqa dharaa taqee irra irkattee, boraatii rifeensa re'e'ee boraafatteertiiyyu.
17
Saa'ol Mikaaliin, «Ati maaf na soddee diinni kiyya miliqee akka deemu goote?» jedhe. Mikaalille, «Isattuu, ‹Yoo ati akka ani miliqu na hin qarqaarin ani si ijjeesa› naan jedhe» jettee deebitte.
18
Daawiti baqatee bayee Saamu'el bira gara Raama'aa dhaqee waan Saa'ol isa irratti huje mara isatti hime. Achiin duuba Saamu'elii fi Daawiti Naayot dhaqanee achi le'ane.
19
«Kunoo, Daawiti biyya Raama'aa, Naayot keessa jira» jedhanee Saa'olitti himane.
20
Maarre inni Daawiti akka qabanuuf namoota erge; te'uu malee isaan korri raagotaa tokko raaga dubbatanuun, Saamu'el isaan qajeelchuun yennaa dhaggane, Ayyaanni Waaqaa namoota Saa'ol erge san irratti bu'ee, isaanille raaga dubbatane.
21
Waan kana Saa'olitti yennaa himane, inni namoota dhibii erge; isaanille raaga dubbatane. Saa'ol ammalle yennaa sadeesso'oo namoota erge; isaanille raaga dubbatane.
22
Achiin duuba inni ifumaaf gara biyya Raama'aa dhaqee, baleessa bisaanii guddicha Seeku keessa jiru bira yennaa geye, «Saamu'elii fi Daawiti eessa jiran?» jedhee gaafate. Nami tokko, «Isaan biyya Raama'aa Naayot keessa jiran» jedhe.
23
Maarre Saa'ol achii gara biyya Raama'aa Naayot dhaqe. Ayyaanni Waaqaa isa irralle'etti bu'ee haga biyya Raama'aa Naayot gewutti raaga dubbataa deeme.
24
Inni woyaa ifii ifi irraa baafatee Saamu'el duratti raaga dubbatee, halkan sanii fi guyyaa san mara qullaa irkate. Tanaaf kolbaan, «Saa'olille raagota keessaa tokko te'ee ree?» jette.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31