bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 Samuel 21
1 Samuel 21
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
1
Daawiti gara qachaa Nobii addee hayyichi Ahiimelek jiru deeme. Hayyichi Ahiimelekille hollataa Daawiti qophatiisaaf gad itti bayee, «Nami tokkolle si gula hin jiruu? Ati maaf qofuu deenta?» jedheen.
2
Daawiti deebisee Ahiimelekii hayyichaan, «Mootichi, ‹Marroo waan ani si ergeetii fi si ajajee kana nami tokkolle hin beekin› jedhee na ajajeera; namoota kiyya woliin eessatti akka wol woldeennu isaanitti himeera.
3
Ati amma sagalee maan ifi biraa qadda? Xaltaa daabbo'oo shan yookiin waanuma dhaggame naaf kenni» jedhe.
4
Hayyichi ammoo deebisee Daawitiin, «Ani daabboo nami marti nyaatu hin qabu; namooti keeti dubartii bira geyiisa irraa yoo ifi eegatanee jiraatane ammoo daabboon woyyittiin hin jirti» jedhe.
5
Daawitille deebisee, «Akkuma qara baratame haga baaneen jalqannee nuuti dubartoota bira geyiisa irraa ifi eeganneerra; yennaa ergaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti woyyuu hin te'in ergannuuyyuu dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eegannaayyu; adha fa'a irra caalaa attam dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eeganne ree?» jedhe.
6
Maarre daabboo Waaqa dura dhikaattu ta Mootii Waan Maraa duraa fuudhanee daabboo o'itu'uun bakka buusane san malee ta dhibiin waan hin jirreef, hayyichi xaltaa daabboo woyyitti'ii san fuudhee Daawitiif kenne.
7
Gaafa san tajaajiltoota Saa'olii keessaa ajajaan tissitootaa, nami biyya Edoomii Do'eeg fuula Mootii Waan Maraa dura akka turu godhamee achi jiraayyu.
8
Daawiti, «Haajaan mootichaa ariifachiisaa waan te'eef, ani shallaagaa yookiin meya lolaa kiyya hin fidanne; ati shallaagaa yookiin eboo ifi biraa hin qadduu?» jedhee Ahiimelek gaafate.
9
Hayyichille deebisee, «Shallaagaan Goliyaadii filisxeemichaa, ka ati dhooqa Elaa keessatti ijjeettee, kunoo woya'aan maramee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin duuba jira; isa san malee ka dhibiin as waan hin jirreef, yoo barbaadde isuma fudhadhu» jedhe. Daawitille, «Shallaagaan akkasii waan hin jirreef, isuma san naaf kenni» jedhe.
10
Daawiti gaafuma san Saa'ol duraa baqatee, gara mootii Gaatii gara Akiishii dhaqe.
11
Tajaajiltooti Akiishii ammoo isaan, «Mootiin biyyaa Daawiti isa kanaa motii? Ka worri sirbu, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawiti ammoo kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhanee sirbaneef isa kanaa motii?» jedhane.
12
Daawitille dubbii tana gadha'atti qabatee, mootii Gaatii Akiishi guddoo sodaate.
13
Maarre inni isaan duratti akka nama qalbii tuqamee te'e; yennaa isa qabanelle balbala karraa irratti tattaraaraa, gorora ifii areeda irra yaasaa akka nama maraatee te'e.
14
Achiin duuba Akiishi tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, nami kun maraata'a; maaf gara kiyya fiddanne?
15
Ani maraataa dhabee jennaan, akka inni na duratti maraatuuf, nama kana gara kiyya fiddanee? Nami akkanaa mana kiyya dhufuu qabaa?» jedhe.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31