bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 Samuel 3
1 Samuel 3
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 4 →
1
Saamu'eliin dargaggeessichi Elii duratti Mootii Waan Maraa tajaajilaayyu; bara san Mootiin Waan Maraa yennaa tokko tokko malee, namatti hin dubbatu; mudhiin bacaalle hin jirtu.
2
Eliin dulloomee, ilti isaa waan caararrootteef, gaafa tokko taqee ifii irra irkateeraayyu.
3
Saamu'elille addee Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa jiru, Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa keessa irkateeraayyu. Issaan Waaqaalle adoo hin dhaamin jiraayyu.
4
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille, «Kunoo, ani as jira!» jedhee,
5
gara Eli'ii fiigee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedhe. Eliin ammoo, «Ani si hin waanne deebi'ii rafi» jedheen; maarre innille deebi'ee rafe.
6
Ammalle Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille ka'ee gara Elii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen. Eliin ammoo, «Ilma kiyya, ani si hin waanne; deebi'ii rafi» jedheen.
7
Tanaan qara Saamu'el Mootii Waan Maraa hin beeku; jechi Mootii Waan Maraalle isatti mudhatee hin beeku.
8
Ammalle Mootiin Waan Maraa yennaa sadeesso'oo Saamu'el waame; innille ka'ee gara Eli'ii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen. Achiin duuba Eliin akka Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamiisatti jiru hubate.
9
Tanaaf, Eliin Saamu'eliin, «Dhaqii rafi; inni ammalle yoo si waame, ‹Kunoo, ani garbichi keeti waan as jiruuf dubbadhu› jedhiin» jedhe. Maarre Saamu'elille deebi'ee taqee ifii irra rafe.
10
Mootiin Waan Maraa dhufee achi dhaabbate; akkuma qaraa, «Saamu'el! Saamu'el!» jedhee waame; Saamu'elille, «Kunoo, ani garbichi keeti dhage'aara dubbadhu» jedheen.
11
Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Kunoo, ani Israa'el keessatti waan dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle hin godha.
12
Guyyaa san ani jalqabaa kaasee haga dhumaatitti waan Eli'ii fi maatii isaa irratti dubbadhe mara hin muummessa.
13
Ilmaan isaa ana Waaqa akka faanshessite adoo beekuu, isaan waan hin xixiniif, yakkaa inni beeku saniif ani maatii isaa haga bara baraa akka adabu isatti himeeraayyu.
14
Tanaaf, ani ‹Yakkaan maatii Eli'ii ciinca'aan yookiin kennansaan haga bara baraa gumaan hin kennamu› jedhee maatii Eli'iitiif kakadheera» jedhe.
15
Saamu'el haga ganamaa rafe; achiin duuba ka'ee balbala Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa bane; mudhii dhagge sanille Elii'itti himiisa sodaate.
16
Eliin ammoo Saamu'el waamee, «Ilma kiyya Saamu'el» jedhe. Saamu'elille, «Kunoo, ani as jira» jedhe.
17
Eliin, «Mootiin Waan Maraa maan sitti dubbate? Ana hin dhossin! Waan inni sitti hime keessaa waan tokkolle yoo na dhossite, Waaqi waan hantuu sitti fiduu ti; waan hantuu irratti hantuu sitti dabaluu ti» jedhe.
18
Maarre Saamu'el waan tokkolle adoo hin dhossin waan mara isatti hime. Achiin duuba Eliin, «Inni Mootii Waan Maraa ti; waan fedhe godhuu ti» jedhe.
19
Saamu'el guddate; Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni inni dubbate marti lafa hin buutu.
20
Kolbaan Israa'elii ta Daan irraa haga Bersheeba'aa jirtu marti Saamu'el dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane.
21
Mootiin Waan Maraa ammalle Shiilo'otti mudhatee, achitti karaa jecha ifiitiin Saamu'elitti mudhate.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31