bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 Samuel 5
1 Samuel 5
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 6 →
1
Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa booji'aneen duuba Ebeen-Ezer irraa gara qachaa Ashidoodii geessane.
2
Achiin duuba Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san fuudhanee gara galma waaqa dharaa ka, «Daagon» jedhamuu geessanee, Daagon bira keyane.
3
Kolbaan qachaa Ashidoodii boruyyaa ganama yennaa kaate, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; maarre isaan waaqa dharaa Daagon achii fuudhanee addee isaatitti deebisanee dhaabane.
4
Boruyyaa ganama ammoo yennaa ka'ane kunoo, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; mata'aa fi harki isaa lamaanuu irraa caccabee badhinna keessa bu'ee nafi isaa callaan hafeeraayyu.
5
Waan kanaaf, haga adhaa hayyooti Daagoniitii fi namooti galma Daagoonii seenanu marti gulantaa balbala galma waaqa dharaa ka Daagonii ka qachaa Ashidoodii keessaa irra hin ijjatanu.
6
Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse.
7
Worri Ashidoodii waan te'e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu'uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii as nu bira hin turin» jedhane.
8
Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane.
9
Saanduqa Gondooro'oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te'e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa'aa haga gudda'aatitti iita itti buuse.
10
Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane.
11
Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane
12
Worra du'a irraa hafe dhukkubi iitaa waan isaan rakkiseef, guddoo iyyane.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31