bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Numbers 12
Numbers 12
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 13 →
1
Muuseen intala worra Itoophiya'aa waan fuudheef, Miiryaamii fi Aaron isa irratti ka'anee,
2
«Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'ee qofaan dubbateeraa? Inni karaa keennalle'een dubbateeraa motii?» jedhane. Mootiin Waan Maraa waan isaan jedhane dhage'e.
3
Muuseen namoota lafa irra jiranu mara caalaa, gadhi-laafessa.
4
Dedhuma Mootiin Waan Maraa Muuse'een, Aaronii fi Miiryaamiin, «Isin sadiinuu gara Dunkaanii Woldeenna'aa kowaa» jedhe. Maarre isaan sadiinuu dhaqane.
5
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa utubaa duumensa keessa gad bu'ee, seensuma dunkaani'ii irra dhaabbatee, Aaronii fi Miiryaam waame. Isaan lamaanuu gara duraa yennaa dhufane,
6
inni isaaniin, «Amma jecha kiyya dhage'a'a! Raagaan tokko odduu teessan yoo jiraate, ani mudhi'iin isatti ifi mudhisa; oojjuulle'een isatti hin dubbadha.
7
Muusee tajaajilaa kiyya woliin ammoo akkas hin dubbadhu; inni mana kiyya mara keessatti addatama'a.
8
Ani isa woliin ifatti, fuula duratti dubbadha malee, hiibbo'oonii moti; inni akka akki kiyya jiruuyyuu hin dhagga! Isin attam tajaajilaa kiyya Muusee irratti dubbatiisa sodaatuu dhaddane?» jedhe.
9
Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aaree isaan biraa deeme.
10
Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'e, Miiryaamiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabantee adii akka dhakaa bokkeyaa teete. Aaron garagalee Miiryaam yennaa ilaale, isiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabanteertuun dhagge.
11
Achiin duuba Aaron Muuse'een, «Maganne'e, goottaa kiyya, cubbuu nuuti gowwumma'aan hunye tana nutti hin laakkowin.
12
Akka finna adoo hin dhalatin du'ee, shamiisatti jiruun gadaamessa haadhaa keessaa bayuu, isii hin tolchin» jedhe.
13
Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ee, Waaqa, isii fayyis!» jedhe.
14
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Abbaan isi'iituu fuula isi'iititti yoo tufe, isiin guyyaa torba hin fokkifattii motii? Maarre isiin guyyaa torba addee quttumaatii baatuu ti; achiin duuba deebi'uu hin dandeetti» jedhe.
15
Maarre Miiryaam addee quttumaatii baatee guyyaa torba turte; haga isiin deebitutti kolbaalle addee quttumaatii hin tachoone.
16
Achiin duuba kolbaan sun Haserootii kaatee goomolee Phaaraanii keessa qubatte.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36