bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Numbers 6
Numbers 6
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 7 →
1
Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
2
«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaan, naazireticha te'iisaaf, waadaa yoo gale,
3
daadhii woyni'ii irraa, untoo dhibii ta nama macheessitu irraa ifi eeggatuu ti; daadhii woyni'ii dhangaggoottuu yookiin untoo dhibii nama macheessitu hin unin. Cunfaa midhaan woyni'iille hin unin yookiin midhaan woyni'ii shawwee yookiin gogaa hin nyaatin.
4
Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara waan midhaan woyni'ii irraa hujame mara yookiin qollofa woyni'iituu hin nyaatin.
5
« ‹Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaaf waadaa gale mara rifeensa mataa ifii hin quxatin yookiin hin haadatin; haga barri inni ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase muummowutti, inni woyyuu te'uu ti; rifeensa mataa ifii guddifatuu ti.
6
Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara reeffa namaatitti hin dhikaatin.
7
Beessisi ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaa rifeensi mataa isaa irra waan jiruuf, abbaan yookiin haati, obboleessi yookiin obboleettiin isaa yoo du'anelle reeffatti dhikaatiisaan ifi hin batteessin.
8
Bara ifi addaan baase mara inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomeera.
9
« ‹Nami tokko dedhuma isa biratti du'ee, rifeensa mataa isaa ka inni ittiin adda baye san yoo batteesse, guyyaa itti qulqulloomu, guyyaa torbeesso'oo rifeensa mataa ifii haadatuu ti.
10
Guyyaa saddeetesso'oo Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ilmoolee saphaliisaa lama yookiin maddo'oo lama gara hayyichaa fiduu ti.
11
Inni reeffatti dhikaatiisaan waan cubbameef, hayyichi saphaliisa tokkocha kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatuuf, saphaliisa tokkocha ammoo kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. Inni gaafuma san rifeensa mataa ifii deebisee adda baasuu ti.
12
Inni bara ifi adda baase san ana Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsuu ti. Sababa yakka'aatiif korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo fiduu ti. Inni waan battoweef, barri inni duri adda ifi baase ka qaraa sun hin laakkowamu.
13
« ‹Seerri nama barri adda ifi baasiisi isaa dabaree ka asii gad jiru: Inni gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhikeeffamuu ti.
14
Inni achitti kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif: kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee buruusoo woggaa tokkoo ka fafa hin qanne tokkocha, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu gorontii hoole'ee buruusoo ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne takkattii, kennansa tokkumma'aatiif korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokkocha,
15
kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatanu woliin, akkasuma daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko, xaltaa bullaa dansa'aa ka zayiti'iin sukkuumamee fi bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibante dhikeessuu ti.
16
« ‹Hayyichi waan kana maraa fuudhee, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu,
17
korbeessa hoole'ee ka kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
18
Achiin duuba nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun rifeensa mataa ifii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti haadatee, ibidda kennansi tokkumma'aa itti ciinceffamu keessa keyuu ti.
19
« ‹Achiin duuba, foon harka korbeessaa yennaa iffeelame, hayyichi daabboo uukoo hin qanne tokkoo fi bixee hephellittii uukoo hin qanne takkattii kollonjoo keessaa fuudhee, harka isaa keessa keyuu ti.
20
Achiin duuba hayyichi waan kana kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kun martinuu cormi'ii fi luka korbeessaa ka kennansa addaa te'anetti dabalamanee qooda hayyichaa woyyicha te'an. Saniin duuba, nami adda baye sun daadhii woyni'ii unuu hin dande'a.
21
« ‹Seerri nama ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaaf waadaa galee kana. Ammoo nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun waan kenniisaaf male caalaa kenniisaaf yoo waadaa gale, akkuma seera nama ana Mootii Waan Maraatiif adda bayeetitti, waadaa gale san muummessuu ti› jedhi» jedhe.
22
Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
23
«Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Dubbii asii gad jirtuun ilmaan Israa'elii eebbisa'a:
24
« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
25
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
26
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.
27
«Maarre isaan maqaa kiyya waamanee kolbaa Israa'elii hin eebbisan, anille isaan hin eebbisa» jedhe.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36