bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Numbers 29
Numbers 29
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 30 →
1
«Ji'a torbeesso'oo guyyaa qaraa yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. Guyyaan sun guyyaa isin tultullaa afuuttanu.
2
Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
3
Dardara san woliin kennansa midhaanii bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee san woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama,
4
buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba san tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko qopheessa'a.
5
Itti dabala'aatii kennansa araaraa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko gumaa qopheessa'a.
6
Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatu woliin akkuma seera tumameetitti kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aa fi ji'uma ji'aan dhikaatutti dabalamanee, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
7
«Ji'a torbeesso'oo kana keessa guyyaa kudhaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyaa san ifi gad qaba'a; ijjumaa hujiille hin hujina'a.
8
Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
9
Dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama,
10
buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitiin ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko dhikeessa'a.
11
Gumaa kennansa araaraa cubbu'uutiif kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaaniititti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
12
«Ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa kudhanii shaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; jila guyyaa torbaa ana Mootii Waan Maraatiif jilifadha'a.
13
Dardaroota kudhanii sad ka fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
14
Dardaroota kudhanii sad tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeeyyii hoole'ee lama tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama,
15
buruusoo korbeeyyii hoole'ee kudhanii afur tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko tokko dhikeessa'a.
16
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
17
«Guyyaa lammeesso'oo dardaroota kudhanii lama ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
18
Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
19
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
20
«Guyyaa sadeesso'oo dardaroota kudhanii tokko ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
21
Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
22
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
23
Guyyaa arfeesso'oo dardaroota kudhan ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
24
Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
25
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
26
«Guyyaa shaneesso'oo dardaroota sagal ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
27
Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
28
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
29
«Guyyaa jayeesso'oo dardaroota saddeeti ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
30
Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
31
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
32
«Guyyaa torbeesso'oo dardaroota torba ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
33
Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
34
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
35
«Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a.
36
Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
37
Dardara san, korbeessa hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
38
Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
39
«Isin jila teessan ta beekkante irratti, waan waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessaniin dhikeessitanu irratti dabaltanee kennansa keessan ka gubamu, kennansa keessan ka midhaanii, kennansa keessan ka daadhii woyni'iitii fi kennansa keessan ka tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif qopheessa'a» jedhe.
40
Muuseen waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje mara Israa'elootatti hime.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36