bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Numbers 27
Numbers 27
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 28 →
1
Ijoolleen durraa ta Zelofehaadii: Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. Zelofehaad ka Heferii, Hefer ka Giil'aadii, Giil'aad ka Maakiirii, Maakiir ka Minaase'ee, Minaaseen ka Yoseefii ti.
2
Ijoolleen durraa sun gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaxxee fuula Muuse'ee, fuula Ele'azaarii hayyichaa, fuula sooreyyi'iitii fi fuula wolde'a duudi'ii dura dhaabbattee,
3
«Abbaan keenna goomolee keessatti du'e. Inni worra Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabame, golii Qoraahii keessa hin jiru; inni ilmaan adoo hin uumatin cubbuma ifiitiin du'e.
4
Ilma waan hin uumatiniif, maqaan abbaa keennaa fira isaa keessaa maaf bada ree? Fira abbaa keennaa oddu'utti lafa nuu kenna'a» jette.
5
Maarre Muuseen haajaa isaanii Mootii Waan Maraatitti dhikeesse;
6
Mootiin Waan Maraalle, isaan,
7
«Wonni ijoolleen durraa ta Zelofehaadii gaafatte sirri'i; odduu fira abbaa isaaniititti lafa isaaniif kenni; dhaalli abbaa isaanii gara isaanii akka dabaru godhi.
8
Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko ilma adoo hin uumatin yoo du'e, ijoolleen durraa ta isaa karra isaa akka dhaaltu godha'a.
9
Inni yoo ijoollee durraalle hin qabaatin, karra isaa obboleeyyan isaatiif kenna'a.
10
Inni yoo obboleeyyan hin qabaatin, obboleeyyan abbaa isaatiif kenna'a.
11
Abbaan isaa yoo obboleeyyan hin qabaatin, karra isaa fira aantii isaatiif kenna'a; inni dhaaluu ti; akkuma ani Mootiin Waan Maraa si ajaje, kun kolbaa Israa'eliif qajeelfama seeraa te'uu ti› jedhi» jedhe.
12
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gaara Abaariimii kana irratti ol bayiitii, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kenne ilaali.
13
Ati isii dhaggiteen duuba, akkuma obboleessi keeti Aaron du'e, atille hin duuta;
14
sababille yennaa kolbaan bisaan goomolee Ziinii keessaa biratti na finqilte, isin lamaanuu ila isaanii duratti ana woyyoonsuu diddanee ajaja kiyyaaf ajajamuu diddaneertan. Bisaan kun Bisaan Mariiba'aa ka Qaadesh keessaa ka goomolee Ziinii keessaa ti» jedhe.
15
Muuseen Mootii Waan Maraatiin,
16
«Ee Mootiin Waan Maraa, Waaqa jiruu nama maraa, kolbaa tana irratti nama tokko fili!
17
Innille kolbaan teeti akka hoolee tissee hin qannee akka hin teene, isaaniin dura ka deemu, ka isaaniin dura gad bayuu fi ka isaaniin dura ol seenu, ka gad isaan baasuu fi ka ol isaan galchu» jedhe.
18
Maarre Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Iyaasuu ilma Nunii, nama Ayyaanni keessa jiru fuudhiitii, harka keeti isa irra keyi;
19
Ele'azaarii hayyichaa fi wolde'a duudii dura dhaabbachiisiitii, hujii inni itti gaafatamu kana isaan duratti itti kenni.
20
Wolde'i Israa'elii duudiin akka isaaf ajajamu, baallii teeti irraa garii isaaf kenni.
21
Inni fuula Ele'azaarii hayyichaa, ka karaa Uriimiitiin fedhii tiyya beeku dura dhaabbatuu ti; akkuma ajaja hayyichaatitti, Iyaasu'uu fi wolde'i Israa'elii duudiin bayanee galanuu ti» jedhe.
22
Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. Inni Iyaasuu fuudhee fuula Ele'azaarii hayyichaatii fi fuula wolde'a Israa'elii duudii dura dhaabbachiise.
23
Achiin duuba harka ifii isa irra keyee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje hujii inni itti gaafatamu itti kenne.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36