bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Hebrews 10
Hebrews 10
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, bifa dhugaamessa isaatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u.
2
Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqeffatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu.
3
Woreegi kun mara ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabbatanu.
4
Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaf hin dandeenne.
5
Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe, “Ati woreegaa fi kenna'atti hin gammanne, ammoo nafa anaaf qopheessite.
6
Woreega ciinca'aatii fi, woreega cubbu'uuf woreegamutti ati hin gammanne.
7
Yennaa san ani, ‘Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessatti akkuma marroo tiyyaaf barreeffante, ani fedhii teeti muummesiisaaf dhufeera’ jedhe” jedhee dubbate.
8
Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, “Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne” jedhe.
9
Itti dabaleelle, “Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera” jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige.
10
Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foon Yesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegamen woyyuu teeneerra.
11
Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleesiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa.
12
Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera.
13
Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira.
14
Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera.
15
Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee,
16
“Guyyooti sun yennaa geyane, gondooroon ani isaan woliin gondoorradhu, Seera kiyya gadhaa isaanii keessa hin keya, qalbii isaanii keessalle'etti hin barreessa ta jettu jedha Goottaan” jedhee dhugaa bayeef.
17
Itti dabaleelle, “Ani cubbu'uu fi jalluu isaanii deebi'ee hin qaabbadhu” jedhe.
18
Eega kana araarri maraaf kenname, haganaan achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu.
19
Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra.
20
Nuuti karaa golla'aatiin, jechuun karaa hareyyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu'uuf baneen seenna.
21
Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna.
22
Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhuugeeffannaa dhugittii qabannee, koowa'a gara Waaqaa dhikaanaa.
23
Waaqi waadaa nu'uuf gale addatamaa waan te'eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, koowa'a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.
24
Jaalalaa fi hujii dansa'aan dammaqnee akka leenuuf, koowa'a wolii yaadannaa.
25
Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa mee lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabbataa waan kana irra caalaa godha'a.
26
Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaan achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru.
27
Amma ammoo, muraa sodaachisuu fi ibidda hammaa mormitoota Waaqaa nyaatu eeggatiisatti hafeera.
28
Nama Seera Muuse'eetiif ajajama dhabe, yoo nami lama yookiin nami sadi itti dhugaa baye, marartii malee du'aan adabama.
29
Nami Ilma Waaqaa tuffate, ka dhiiga gondoro'oo ka ittiin balchoome shasheesse, ka Ayyaana badhaadhaa arrasse, adabama kana caalu attamiititti barbaachisaaf isinitti fakkaata?
30
Nuuti, “Haluu ka baasu ana, ani gatii malte deebisee hin kaffala”, akkasuma, “Goottaan kolbaa ifiititti hin mura” ka jedhe ennuu akka te'e hin beenna.
31
Harka Waaqa jiraata'aa seenuun akka malee sodaachisa'a.
32
Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhantoo guddo'oon ossattane san qaabbadha'a.
33
Yennaa tokko tokko nama duratti arraffantanee, farritaneertan; yennaa dhibii worra rakkinna akkasii fudhatu wolille'een rakkinna fudhataneertan.
34
Isin karra caaltuu fi yennaa mara jiraattu akka qaddanu waan beettanuuf, worra hidhameef gadhaa laattane; yennaa karri teessan saamantulle gammadaan fudhattane.
35
Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina'a!
36
Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa.
37
Sababille Barreeffam Woyyichi, “Yennaa diqqo'oon duuba, ka dhufu'u male hin dhufa, hin turu;
38
Nami balchaan kiyya ammoo, dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata; yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu” hin jedha.
39
Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13