bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Hebrews 8
Hebrews 8
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, “Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna” ka jedhu.
2
Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante.
3
Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa.
4
Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu.
5
Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, “Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!” jedheen.
6
Amma ammoo, gondooroon Yesuus wolakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma gondooroo dullattii caaltu, tajaajli isaaf kennamelle caala'a.
7
Goondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu.
8
Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee, “‘Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuuda'aa woliin, gondooroo haareya gondooru hin dhufa’ jedha Goottaan.
9
‘Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine’ jedha Goottaan.
10
‘Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa'eelii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya, gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa; ani isaaniif Waaqa hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an, ta jettu’ jedha Goottaan.
11
‘Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin, Goottaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan.
12
Yakka isaaniille isaaniif hin araarama, cubbuu isaaniille haganaan achi hin qaabadhu’ jedheera” jedhe.
13
Yoona Waaqi, “Gondooroo haareya” jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13