bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Hebrews 2
Hebrews 2
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Tanaaf nuuti waan dhageenne irraa fallaannee akka hin jinne, marroo waan dhageennee xiyyeeffannaa caalte kennuu qana.
2
Dubbiin karaa ergantoota Waaqaatiin himante mirkanooteerti; nami dubbii tana irra taree fi nami isi'iif hin ajajanne maraa adaba isaaf male hin fudhata.
3
Nuuti fayyinna guddaa kanaaf xiyyeeffannaa yoo kennuu dhanne attamiin jalaa baana ree? Fayyinna kana ka dursee lasse Gootta'aayyu; worri isa irraa dhage'elle tanuma nu'uuf mirkaneesseera.
4
Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera.
5
Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbanuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goonne.
6
Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti, “Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf, nami maan inni? Yookiin akka kununsituuf, ilmi namaa maan inni?
7
Diqquma ergantoota Waaqaa isa hanqitte; kallacha ulfinnaatii fi guddinnaa itti keette;
8
waan mara baallii ilma namaatiin jala goote” hin jedha. Waaqi waan mara baallii ilma namaatiin jala yennaa godhu, baallii isaatiin jala adoo hin godhin wonni inni hanbure tokkolle hin jiru. Te'uu malee wonni mara baallii ilma namaatiin jala akka jiru ammaa tanalle nuuti hin dhaggine.
9
Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddini itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera.
10
Waaqi wonni duudiin isaa fi isumaanuu dadame, ilmaan hedduu gara ulfinnaa fidiisaaf, sooressi fayyinna isaanii rakkinnaan guutuu akka te'u godhiis barbaachisaa te'e.
11
Ka kolbaa woyyoonsuu fi worri isaan woyyoomelle ilmaan abbaa tokkochaa ti; waan kanaaf Yesuus isaaniin, “Obboleeyyan tiyya” jedhee waamiisaaf hin fokkifatu.
12
Bareeffama Woyyicha keessalle'etti Waaqaan, “Maqaa keeti obboleeyyan tiyyatti hin lassa; wolde'a oddu'ulle'etti faaru'uun si hin leelliffadha” jedha.
13
Akkasuma, “Ani isatti hin addadha” jedha; ammalle, “Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi anaaf kennelle as jirra” jedha.
14
Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te'ane, Yesuusille du'a ifiitiin, Seexana du'a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te'e.
15
Akkasuma worra du'a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase.
16
Yesuus sanyii Abrahaamii gargaariisaaf malee, ergantoota Waaqaa gargariisaaf hin dhunne.
17
Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addataama'aa fi mararticha te'ee, kolbaan araara cubbu'uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise.
18
Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu gargaariisaaf hin dande'a.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13