bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Hebrews 7
Hebrews 7
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aaana'aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi'u kara'atti wolde'ee isa eebbise.
2
Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkoffaan, “Mootii balchuma'aa ti”, akkasuma “Mootii Saalemii” jechuun “Mootii nageyaa” jechu'u.
3
Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabau; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata.
4
Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a!
5
Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja.
6
Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan kessaa tokko fudhatee, isa eebbise.
7
Diqqaan gudda'aan ebbifamiis mama hin qabu.
8
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Melkiisedeq.
9
Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, “Kudhan keessaa tokko baaseera” jedhiisaaf hin dande'ama.
10
Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.
11
Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa lewwotaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaroonii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu.
12
Yennaa hayyummaan jijjiirrantu seerrille jijjiiramuu qaba.
13
Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru.
14
Goottaan keenna gosa Yihuudaa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuuda'aa womaa hin dubbanne.
15
Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka'u, wonni kun caalaa ifa teeti.
16
Inni karaa aada'aa fi seera sayni'iitiin adoo hin te'in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te'e.
17
Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti, “Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyuu hin teeta” jedhamee dhugaan bayameeraaf.
18
Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera.
19
Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti.
20
Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane.
21
Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, “Waaqi, ‘Ati haga bara baraa hayyu'u’ jedhee kakateera, inni yaada ifii hin jijjiirratu” jedhantee barreeffanteerti.
22
Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu'uuf wobii te'eera.
23
Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u.
24
Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyumaan isaa hin jijjiirantu.
25
Tanaaf inni isaaniif kadhatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a.
26
Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa.
27
Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhiyeesse, takkumaan yennaa maraaf muummeseera.
28
Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13