bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Hebrews 12
Hebrews 12
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
1
Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala teenna naannessane tana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna.
2
Nuuti jalqaba'aa fi muummessaa dhugeeffanna teennaa ka te'e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du'iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du'a fanno'oo ossatee midda barcumaa mootumma'aa ka Waaqaatitti tee'e.
3
Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi'ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala'a.
4
Isin cubbu'uun woliin wodhaantoo qabatiisaan haga dhiiga keessan dhangalaasiisaatitti haga ammaa hin falmane.
5
Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni, “Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu, akka kaso'ootitti hin ilaalin; yennaa inni si adabelle, gadhaa hin kutatin!
6
Sababille Goottaan nama jaallatu hin xixa, nama akka ilma ifiititti fuudhatulle hin adaba” hin jedha.
7
Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi'ii ossadha'a! Ilmi abbaan hin adabne kam inni?
8
Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhane, isin baana malee ijoolle'ee moti.
9
Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru'uun leenuuf irra calaa Abbaa keenna ayyaanaatiif ajajamu'uu mallee motii ree?
10
Abbootiin teenna yennaa diqqo'oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu'aa teennaaf nu adaba.
11
Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi.
12
Tanaaf harka keessan ka isin irraa bu'ee fi jilba keessan ka dadhabe jabeessa'a!
13
Miilli keessan ka naafate akka fayyu malee akka adde'een hin kaane, miila keessaniif karaa qajeelfadha'a.
14
Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a.
15
Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a.
16
Eennulle baalagee, yookiin akka Eesaawuu sagalee yennaa takka'aatiif jedhee, angafummaa ifii gurguree ka Waaqa malee le'u te'ee, akka hin teene ifi eeggadha'a.
17
Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; boowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne.
18
Isin akka Israa'elootaa gara gaara Siina'aa ka harkaan qabamuu dande'uu, ka ibiddaan bobe'uu hin geenne; gara dukkannaa, gara dimmaa, gara bubbe'ee,
19
gara qoonqoo tultulla'aatii fi qoonqoon jechaan himantu dhage'antuu hin dhikaanne; worri jecha san dhage'ane akka jechi dhibiin dabalamee itti hin dhage'anne kadhatane.
20
Ajaji, “Bineensille gaara san yoo tuqe, dhaka'aan tumamee du'uu ti” jedhu waan isaanitti ulfaateef, ba'atiisaaf hin dandeenne.
21
Wonni achitti dhaggame akka malee sodaachisaa waan te'eef, Muuseenuu, ‘Ani sodaadhee holladhe” jedhe.
22
Isin ammoo gara gaara Xiyooniitii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata'aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba'aati; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu'utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan.
23
Gara Wolde'a worra maqaan isaanii ol-gubba'atti barreeffamee, ka angafoota ijjoollee Waaqaa te'anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi'itti muruutii fi lubbuu balchoole'ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan.
24
Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te'ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan.
25
Ka dubbatiisatti jiru san akka hin didanne ifi eeggadha'a! Worri Waaqi biyya lafaa irratti dubbatuun didane jalaa bayiisa eega dadhabane, nuuti ka ol-gubbaa irraa nutti dubbatu yoo didanne attamiin jalaa baana ree!
26
Yennaa san qoonqoon isaa lafa tachooteerti; amma ammoo, “Ani ammalle yennaa tokko, lafa callaa adoo hin te'in, ol-gubbaalle hin tachoosa” jedhee waadaa galeera.
27
Jechi, “Ani ammalle yennaa tokko” jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa.
28
Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa'a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda'aan kowa'a isa Waaqonfanna.
29
Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13