bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Mark 12
Mark 12
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi tokko muka woyini'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qottee bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme.
2
Yennaan midhaan muka woyini'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qottee bultoota ifii erge.
3
Qottee bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane.
4
Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qottee bultooti mataa isaa dachanee qaanessane.
5
Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane.
6
Abbaan muka woyini'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‘Ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhee, isa gara isaanii erge.
7
Qottee bultooti sun ammoo, ‘Ka abbaa fichaa muka woyini'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf te'a’ woliin jedhane.
8
Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyini'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyini'ii keessaa alatti qolaansane.
9
“Yoona abbaan fichaa muka woyini'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qottee bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyini'ii san, worra dhibi'itti hin kennata.
10
Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbadamu te'e.
11
Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;’ ta jettu hin dubbinnee?” jedhee gaafate.
12
Bulchitooti Yihudootaa mammaasa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane.
13
Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaruuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane.
14
Worri ergamane dhufanee, “Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibra kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?” jedhaneen.
15
Inni ammoo kijiba isaanii beekee, “Isin maaf ana xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!” jedheen.
16
Isaan beesee itti finnaan, “Misili'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?” jedhee gaafate. Isaanille, “Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti” jedhaneen.
17
Maarre Yesuus isaaniin, “Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!” jedhe; isaanille isa baaseffatane.
18
Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee,
19
“Barsiisa'a! Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!’ jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera.
20
Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijjoollee adoo hin uumatin du'e.
21
Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e.
22
Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute.
23
Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?” jedhanee isa gaafatane.
24
Yesuus isaaniin, “Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu.
25
Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e.
26
Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‘Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti’ jedhe.
27
Inni Waaqa worra jira'aati malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane.
28
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, “Ajaja mara keessaa guddichi kam?” jedhee Yesuus gaafate.
29
Yesuus, “Ajaji guddichi, ‘Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha.
30
Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin’ jaalladhu.
31
Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‘Nama mara akka mataa keetii jaalladhu’ ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru’ ” jedhe.
32
Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, “Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‘Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru’ jettee ka dubbate dhuga'a.
33
Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaallatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaallatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala” jedhe.
34
Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
35
Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, “Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‘Mesiihiin ilma Daawwitii ti’ jechuu dande'an?
36
Ayyaanni Woyyichi akka Daawwit, ‘Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i’ jedhu'uuf akeekeera.
37
Daawwit ifiifuu, ‘Goottaa kiyya’ jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawwitii te'uu dande'a?” jedhee gaafate. Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette.
38
Yesuus adoo isaan barsiisuu, “Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaallatanu,
39
Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a!
40
Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa sossanee itti aallatiisaaf dheeressanee daadimatan” jedhe.
41
Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte;
42
achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte.
43
Yesuus barattoota ifii waamee, “Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe.
44
Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte” jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16