bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Mark 16
Mark 16
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobitii, Salomeellee dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane.
2
Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awaalaa dhaqane.
3
Isaan kara'atti, “Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?” woliin jedhane.
4
Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane.
5
Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
6
Inni ammoo, “Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a!
7
Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‘Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan’ jedha'aa hima'a” isaaniin jedhe.
8
Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa baayanee baqatane. Isaan waan sodataneeranuuf eennuulletti womaa hin dubbanne. [
9
Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Mariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanoota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.
10
Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo booyiisatti jiranuu dhaxxee hinte.
11
Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhuggeeffane.
12
Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu bifa dhibi'iin itti mudhate.
13
Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.
14
Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame.
15
Achiin duuba inni, “Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a.
16
Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.
17
Worri anatti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;
18
Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya” isaaniin jedhe.
19
Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e.
20
Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16