bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Mark 15
Mark 15
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Barii halkaniin Moototi hayyootaa: maanguddoota, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.
2
Philaaxoos, “Ati mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate. Yesuus, “Maarre atuu jette” jedhee deebiise.
3
Moototi hayyootaa waan heddu'uun isa himatane.
4
Philaaxoos ammalle, “Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?” jedhee Yesuus gaafate.
5
Yesuus ammoo, ammallee womaa hin deebiinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.
6
Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.
7
Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeessanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.
8
Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte,
9
inni, “Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?” jedhee isaan gaafate.
10
Inni moototi hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.
11
Moototi hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.
12
Philaxoos ammalle, “Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?” jedhee gumii gaafate.
13
Isaan, “Isa fannisi!” jedhanee hogisane.
14
Philaaxoos, “Maaf akkana jettan? Maan yakke?” jedhee gaafate. Isaan ammoo, “Isa fannisi!” jedhanee guddisanee hogisane.
15
Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
16
Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane.
17
Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane.
18
Achiin duuba isaan, “Mooti Yihuddootaa jiraadhu!” jedhaa isa nageya fuudhane.
19
Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiifatanee, isaa sagadane.
20
Isaan itti taphaataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.
21
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.
22
Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee “Buqqee mata'aa” jedhantu geessane.
23
Achiitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate.
24
Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane.
25
Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii sa'aati sadi.
26
Beessisi yakka inni itti himatamee, “Mooticha Yihudootaa” jedha.
27
Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [
28
Akka kanaan Baarreefam Woyyichi, “Inni yakkaameyyii woliin lakkowame” jedhu muummaye.]
29
Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, “Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu!
30
Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!” jedhaa yesuus arrasane.
31
Akkasuma moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, “Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u!
32
Inni Masiihii, Mootii Israa'eli yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffana!” jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrasane.
33
Orraa sa'aatii ja'aan jalqabee, haga sa'aatii sagalii latti duudiin dukkanootte.
34
Sa'aatii sagalitti Yesuus, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee qoonqoo gudo'oon iyye; akkas jechuun, “Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf ana lakkittee?” jechu'u.
35
Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, “Dhage'aa, inni Eliyaasi waamiisatti jira” jedhane.
36
Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'iii dhangaggoottu'uutti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, “Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!” jedhe.
37
Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
38
Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e.
39
Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, “Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhe.
40
Dubartooti gariin fagaattanee ilaalisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.
41
Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
42
Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa,
43
Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootumaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabbeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.
44
Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate.
45
Philaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reefa Yoseefiif kenne.
46
Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii faannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakkaa keessatti bocamee qophoyeerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.
47
Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16