bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Mark 3
Mark 3
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.
2
Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu.
3
Yesuus namicha harka naafateeruun, “Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!” jedhe.
4
Achiin duuba jaralle'een, “Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansa'a moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?” jedhe. Isaan ammoo cadhisane.
5
Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'ittiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, “Harka kee diriiffadhu!” jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriiffate, harkille deebi'ee fayye.
6
Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.
7
Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii,
8
qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ka gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.
9
Gumiin guddoo sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime.
10
Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.
11
Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhanee iyyane.
12
Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.
13
Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane.
14
Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu,
15
durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, “Ergantoota” jedhee moggaase.
16
Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni “Pheexroos” jedhee moggaase,
17
Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni “Bo'anerges” jedhee moggaase; akkasi jechuulle, “Ilmaan Mandiisu'uu” jechu'u.
18
Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii “Hinaatticha” jedhamee beekkamee fi
19
Yihudaa nama qachaa keeriyootii, ka isa dabarsee kenne.
20
Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.
21
Kolbaan, “Inni maraateera” waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.
22
Barsiisoti Seeraa worri Yerusaamii dhufane ammoo, “Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotatiin durriisota baasa” Yesuusiin jedhane.
23
Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, “Attamiin Seexanni Seexana baasu'uu dande'a?
24
Mootummaan takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti.
25
Maatiin takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti.
26
Maarre Seexaanille ifi falamee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaati malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.
27
Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa samu'uuf hin dande'a.
28
“Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama.
29
Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu barabaraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu” jedhee isaanitti mammaake.
30
Yesuus sababa kolbaan, “Inni ayyaana hamaa qaba” jetteertuuf akkana jedhe.
31
Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane.
32
Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, “Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran” jedhane.
33
Yesuus deebisee, “Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?” isaaniin jedhe.
34
Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, “Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana!
35
Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleetii tiyya, haadha tiyyalle'e” jedhe.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16