bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Revelation 1
Revelation 1
Oromo Bible (Guji) 2007
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 2 →
1
Mudhiin Yesuus Kiristoosii, ta akka inni waan dafee te'uu qabu tajaajiltoota ifiititti mudhisuuf Waaqi itti kenne tana; Yesuusille ergamaa Waaqaa ergee tajaajilaa ifii Yohaannisitti waan kana beessise.
2
Yohaannisille marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa baya Yesuusiitiif waan dhagge mara dhugaa baye.
3
Barri waan dhiyaateeruuf, dubbii raagaa tana nami dubbisu, worri dhage'uu fi worri waan keessatti barreeffame eeggatu ka badhaadhe.
4
Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf, badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa,
5
Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha. Ka nu jaallatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee,
6
Waaqa Abbaa isaa akka tajaajilluuf mootumma'aa fi hayyoota ka nu godheef, ulfinnii fi hunni bara baraa, haga bara baraa teetu! Ameen.
7
Kunoo, inni duumensaan dhufaara, ilti marti isa hin dhaggiti, worri isa woraaneeyyuu hin dhagga; kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin booyan. Ee! Akkasuma hin teet. Ameen.
8
Waaqi Goottaan amma jiru, ka durille jiru, ka dhufu, ka waan duudii dande'u, “Alfa'aa fi Omeegaan Ana” jedha; [akkasi jechuun ani ka duraatii fi duubaati jechu'u].
9
Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu.
10
Guyyaa Gootta'aa, ani Ayyaana Waaqaatiin jiraayyu; qoonqoo guddoo ta akka tultulla'aa ifi duubatti dhage'e.
11
Qoonqoon sun, “Waan dhaggitu kitaaba mara'aatitti barreesiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!” naan jette.
12
Anille qoonqoo anatti dubbatiisatti jirtu ilaaliisaaf ifi irra garagale; yennaa ifi irra gara gale waan issaan irra keyamu torba ka worqi'iin hujame dhagge;
13
waan issaan irra keyamu oddu'ulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffanna dheeraa hirba bira geyu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera.
14
Mata'aa fi rifeensi isaa adii akka rifeensa hoolee adi'iitii fi adii akka dhakaa bokkeyaa ti; ilti isaalle akka bobe'a ibidaa fakkaatti.
15
Miilli isaa akka sageettuu dhiillee boolla ibidaa keessatti finiintee morodantee ittuu ti; qoonqoon isaallee akka shookkesa gootuu bisaaniiti.
16
Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa goraadee qara lamaa ta qarantetti baati; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa.
17
Yennaa isa dhagge akka nama du'ee te'ee miila isaa jallatti jige. Inni ammoo harka ifii middicha ana irra keyee, “Hin sodaatin! Ka duraatii fi duubaalle ana;
18
ani Jiraata'a; ani du'eeraayyu, amma ammoo baraa haga bara baraa jiraadha; furtuun du'aa fi balbala addee worri du'e jiru bantu harka kiyya jirti.
19
Maarre waan dhaggite, waan amma jiruu fi waan kanaan duuba te'u barreessi.
20
Hiikkaan dhossaa urjoota torbaatii fi wonna issaan irra keyamuu ka worqi'iin hujame torbaa, ka ati harka kiyya middichatti dhaggitee kana: Urjooti torba ergantoota Waaqaa ta wolde'oota kiristaanaa torbaa ti; wonni issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torba, wolde'oota kiristaana torba.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22