bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Revelation 18
Revelation 18
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
1
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka baallii guddoo qabu ka dhibiin ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge; calalaqa ulfinna isaatiin ta kaate latti itte.
2
Innille qoonqoo guddo'oon iyyee, “Baabilooniin guddittiin jidde! Jidde! Isiin mana durriisotaa, addee ayyaanni battichi mara itti baqatu, addee sinbirreen battitti'ii fi diqachiittu marti itti qubatu teete!
3
Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyini'ii ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf, moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran; daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate duroomaneeran” jedhe.
4
Achiin duuba qoonqoo dhibii ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille ta, “Kolbaa tiyya! Cubbuu isi'ii keessaa akka harka hin qabaanne, balaa isi'iille akka hin qoodanne, isii keessaa baya'a!
5
Cubbuun isi'ii haga ol-gubba'aa waan tuulanteertuuf, Waaqi yakkaa isi'ii qaabbateera.
6
Haga isiin isinii kennite, deebisa'aatii kenna'aaf, waan isiin gootelle'eef dachaa lama deebisa'aatii godha'aaf! Muduunuu isiin itti bulbultetti, harka lama xiyya godha'aatii bulbula'aaf!
7
Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete, farraa fi gadda kenna'aaf. Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, “Ani mootittii te'eera, ani haadha hiyyeessaatii moti, ijjumaa hin gaddu” ifiin jetti.
8
Tanaaf balaan isi'ii hedduun: duuti, gaddaa fi beelti, guyyuma tokkotti itti hin dhufan. Waaqi Goottaan isi'itti muru hunnaamessa waan te'eef isiin ibiddaan hin gubanti.
9
“Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee booyan.
10
Farra isi'ii kanalle sodaatanee, fagoo dhaabbatanee, “Qaachaa gudda'a, si'iif aanne'e! Aanne'e! Qachaa Baabiloonii hunnaamessa, muraan teeti sa'aatii takkaa keessatti dhuteerti” jedhan.
11
Nami haganaa achi fe'iisa isaanii bitatu waan hin jirreef, daddaltooti lafaalle isi'iif wacifanee booyan.
12
Fe'iis sunille: Worqii, meetii, dhakaa gatii guddo'oo, dooqa, woyaa miila talba'aa irraa hujante, woyaa dhiillee, woyaa haarri'ii, woyaa diintuu, muka uddowu mara, waan ilka arbaa irraa, muka gatii guddo'oo irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa fi waan dhakaa adii irraa hujatame mara,
13
qarafaa, qimamii, hixaana, qumbii, uddowaa iffataa, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, bullaa, qamadii, loon, hoolee, fardoo, garreettota fardaan harkifamanu, garboole'ee fi namoota.
14
Dadaltootille isi'iin, “Wonni dansaan ati halchite si irraa bayyateerti; durumma'aa fi ulfinni keeti mara badeera; deebi'eelle hin dhufu” jedhan.
15
Daddaltooti waan kana gurgurataa isi'iin duroomane farra isi'ii sodaatanee fagoo dhaabbatan; waacifaa booyaa qoonqoo guddo'oon,
16
“Qachaa guddicha, woyaa quncee talba'aa irraa hujante, woyaa dhiille'ee fi diintuu uffataa tureef, ka worqi'ii fi dhakaa gatii gudda'aa, dooqalle naqataa tureef aanne'e! Aanne'e!
17
Sa'aatii takkaa keessatti durummaan sun duudiin badde!” hin jedhan. Worri hoboloo guddittii ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa guddoo irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan.
18
Qachaan kun gubatuun aara bawu yennaa dhaggane, “Qachaan guddaan qachaa kana fakkaatu ka biraa hin jiraayyuu?” jedhaa iyyane.
19
Bukuu mataa ifii irratti firfissanee, waacifanee booyaa, “Qachaan guddichi ka worri abbaayaa guddoo irratti hoboloo guddoo qabanu duudiin, karra isaatiin duroomane, sa'aatii takkaa keessatti waan badeef aanne'e! Aanne'e!” jedhaa iyyan.
20
Qoonqoon takkalle, “Ol-gubba'a, badii qachaa kanatitti gammadi! Waan Waaqi marroo teessaniif itti mureef, isin kolbaan Waaqaa, ergantootii fi raagoti, gammada'a!” jette.
21
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaayaa guddo'otti darbee, “Qachaan Baabiloonii guddichi akkas hunnaan qolaanfamee, gad darbama, deebi'eelle hin dhaggamu!
22
Qoonqoon worra kiraara guddicha dhowuu, qoonqoon worra weeddisuu, ka worra susulle'ee fi tultullaa afuufuu, deebitee si keessatti hin dhage'antu; ogeeyyiin hujii adda addaa hujju, deebitee si keessatti hin dhaggantu; qoonqoon dhakaa daaku'uulle, deebitee si keessatti hin dhage'antu;
23
ifi issa'aa, deebi'ee si keessatti hin ifu; qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii, deebitee si keessatti hin dhage'antu; daddaltooti keeti namoota gugurdoota biyya lafaa ti; ati xanoo teetiin kolbaa duudii dokonkorsiteerta.
24
Dhiigi raagotaatii fi kolbaa Waaqaa, ka worra lafa irratti ijjefamee duudiin, qachaa Baabiloonii keessatti dhaggameera” jette.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22