bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Revelation 10
Revelation 10
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 11 →
1
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata.
2
Inni Kitaaba mara'aa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa guddoo irra, miila bitaacha lafa irra keyate;
3
qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhoowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte.
4
Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoyeeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, “Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha'atti qabadhu malee, hin barreessin” qoonqoo jettu dhage'e.
5
Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaayaa guddo'oo fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase.
6
Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaayaa guddo'oo fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, “Yoona hin turu!
7
Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni raagota tajaajiltoota ifiititti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti” jedhe.
8
Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, “Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaayaa guddo'oo fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha mara'aa, ka banameeru fudhadhu” jettee natti dubbatte.
9
Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha mara'aa san akka anaaf kennu gaafadhe; innille, “Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa” naan jedhe.
10
Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'oye; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe.
11
Achiin duuba, “Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda” jedhamee natti himame.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22