bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Revelation 3
Revelation 3
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 4 →
1
“Ergamaa wolde'a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi: Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa'aan hin jirta, ammoo duuteerta.
2
Maarre dammaqi! Waan hafe ka du'a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine.
3
Yoona, waan fudhattee fi waan dhageette qaabbadhu; ajajamiif, cubbuu irralle'ee deebi'i. Yoo dammaquu dhadde ammoo akka hattu'uu sitti dhufa; sa'aatii tam akka ani sitti dhufulle hin beettu.
4
Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee ana woliin hin ideeman.
5
Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru'uu keessaa hin haqu.
6
“Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.
7
“Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi: Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawwitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha:
8
Ani hujii teeti hin beeka. Akka ati hunna diqqoo qaddu hin beeka; te'uu malee, dubbii tiyya eeggateerta; maqaa kiyyalle hin mormanne. Kunoo, balbala banante ta eennulle cufu'uuf hin daandeenne si dura keyeera.
9
Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaammeyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaalladhelle akka beekanu hin tolcha.
10
Ciniinnattee akka ossattuuf ajaja ani kenne waan eeggatteef, anille sa'aatii haga ilaalchaa, ta worra lafa irra le'u haga ilaaliisaaf biyya lafaa duudii irratti dhuttu irraa si eega.
11
Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu.
12
Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.
13
“Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.
14
“Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi: Ka “Ameen” jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dadaa Waaqaa te'e akkas jedha:
15
Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaalladhaayyu.
16
Ati ammoo bulluqowa'a malee, o'aa yookiin qabbanowaa waan hin te'iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara.
17
“Ati, ‘Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa anaaf hin barbaachisu’ jetta; ammoo, ati deegaa, naassisaa, hiyyeessa, balla'aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu.
18
Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitatu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka ana irraa bitattu si gorsa.
19
Ani worra jaalladhu duudii hin xixa, hin adaballe'e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle'ee deebi'i.
20
Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage'ee yoo balbala anaaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille ana woliin nyaata.
21
Akkuma ani injifadhee Abbaa kiyya woliin barcumaa mootummaa isaa irra tee'e, nami injifatulle ana woliin barcumaa mootummaa tiyyaa irra akka tee'u hin tolcha.
22
“Nami gurra dhage'u qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uuti!” jedha.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22