bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Revelation 5
Revelation 5
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 6 →
1
Achiin duuba ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru, kitaaba mara'aa ka keessaa fi gubbaa barreeffamee, chaappaa torbaan dhowameeru harka middichaan qabateeruun dhagge.
2
Ergamaan Waaqaa jabaan tokko qonqoo guddo'oon, “Ka chaappaa irraa rigee kitaaba mara'aa san banu'uu male eennu?” jedhaa lallabuun dhagge.
3
Te'uu malee ol-gubbaa keessa yookiin lafa irra, lafaan jalalle, ka kitaaba mara'aa san banee keessa isaa ilaaluu dande'u tokkolle hin jiruuyyu.
4
Ka kitaaba mara'aa san banee keessa isaa ilaalu'uu male waan hin jirreef, ani laalleffadhee booye.
5
Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, “Hin booyin! Kunoo, neenqi gosa Yihuda'aa, sanyiin Daawwitii injifateera; inni kitaaba mara'aa san baniisaa fi chaappaa torbaanuu irraa rigiisaaf hin dande'a” naan jedhe.
6
Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dadaa lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane.
7
Hoolichi sun dhufee, harka middicha ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru irraa kitaaba mara'aa san fuudhe.
8
Yennaa inni kitaaba mara'aa san fuudhe, dadaan lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad laffatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu.
9
Isaan faaruu haareya faarfataa, “Ati kitaaba mara' aa san fudhatiisaaf, chaappota irraa rigiisaafille ka malte; sababille ati qalantee, dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa, kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa, namoota Waaqaaf woddeerta.
10
Waaqa keennaaf, akka isaan mootumma'aa fi hayyoota te'anu gooteerta; isaaniille lafa irratti hin mooyan” jedhane.
11
Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miloona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dadaa lubbuu qadduutii fi maangudootaa naannayaneeran.
12
Isaan qoonqoo guddo'oon, “Hoolichi qalame sun, baallii, durummaa, qarummaa, hunna, ulfinna, guddinnaa fi galata fudhatu'uu male” jedhanee faarsane.
13
Achiin duuba dadaan ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti, “Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf, bara baraa haga bara baraa te'u” jedhaa faarfatanuun dhage'e.
14
Dadaan lubbuu qaddu arfan, “Ameen!” jette; maanguddootille gad jiddee sagadde.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22