bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 John 1
1 John 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Nu waan dubbii jireennaa ta qaraa fiixe jirtu barreessina: nu ya gurra keennaan dhageennee, ila teennaan agarree dawannee, harka keennaan qabanne.
2
Jireennii kunin mullannaan arginee tanaaf waan isaa dubbanna, ammallee waan jireenna hegerii ka Aabbaa waliin jiru, ka nu beessisan, isaniitti himna.
3
Nu waan arginee dhageenne isaniilleetti himna, akka isaniilleen waldhaqiisa nu Aabbaa fi Ilma isaa Yesus Kiristoo irraa qamnu argattan.
4
Ammallee akka gammadii keenna qixaa'uu fi waan kana barreessin.
5
Dhaamsii nu Ilma isaa irraa dhageennee isanitti himnu kana: Waaqii ifa, isa keessa dukkantii tokkoolleen hinjirtu.
6
Nu yo Waaqaan waldhaqiisa qamna jennee, ammoo dukkana keessa yaanee, dhara dubbannee, dhugaan nu keessa hinjirtu.
7
Ammoo yo akkuma innii ifa keessa jiru nulleen ibsee keessa jiraannee nu'uun cufti waldhaqisa qamna; ammallee dhiigii Yesus Ilma Waaqaa cubbuu teenna cufa nurraa dhiqee qulqulleessa.
8
Nu yo cubbuu hinqamnu jennee, ufi sobnee, dhugaan nu keessa hinjirtu.
9
Ammoo yo cubbuu teenna Waaqaatti himanne, innii ka dhugeeffatanii fi qajeelaa, daba keenna nuu araaramee, cubbuu teenna cufa qulqulleessa.
10
Nu yo cubbuu hintolchine jennee, isa dhareesinee, dubbiin isalleen nu keessa hinjirtu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5