bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 John 3
1 John 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Haga Abbaan nu jaalate mee ilaalaa! Jaalaltii isaa waan guddoo, jaalala tanaaf ijoollee isaa jedhanii, nu yaamani; dhugumaa nu ijollee isaati. Wantii namii lafaa nu hinbeenneef waan Waaqaallee hinbeenneef.
2
Jaallan tiyya, nu amma ijoollee Waaqaati, ammoo ammallee waan itti yaanu akka dansaa hinbeennu. Ammoo waan kana inbeenna: yo Kiristoon mullatee, waan akka innii jiru arginuuf nu akka isaa taana.
3
Namii abdii tana Kiristoo keessaa qabu cuftii akkuma innii qulqulloo ufiillee qulqullaa.
4
Namii cubbuu hojjatu cuftii yaayyu seera Waaqaa cabse, wantii akkanaatiif cubbuu hojjachuun seera dhaba.
5
Akka Kiristoon cubbuu cufa fudhachuu dhufe isan inbeettan, ammoo cubbuun isa keessa hinjirtu.
6
Tanaaf namii Kiristoo keessa taa'u cuftii cubbuu hinhojjatu; ammoo namii cubbuu hojjachuma hojjatu takka isa hingarre yokaan isa hinbeenne.
7
Ijoollee, namii tokkoolleen isan hinsobin! Akkuma Kiristoon qajeelaa, namii waan qajeelaa hojjatuulleen qajeelaa.
8
Waan sheexanii haguma duriitii jalqabee cubbuu hojjatuufii, namii waan cubbuu hojjatu ka sheexanaati. Ilmii Waaqaa akka hujii Sheexanaa balleessuuf dhufe.
9
Namii ijoollee Waaqaa ta'ee cuftii, waan ijoollee Waaqaa ta'eef, danda'ee cubbuu hinhojjatu, ammallee waan ijoollee Waaqaa ta'ee sanyiin Waaqaa jabeenna kennufiif, cubbuu keessa taa'u hindanda'u.
10
Mar. roo waan kanaatiif ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Sheexanaa gargarii gorti; namii dhugaa hintolchine yokaan ka obbolleessa ufii hinjaalanne cuftii ka Waaqaatiiniti.
11
Dhaamsii isan haguma duriitii dhageettan ka, “Nu cuftii waljaalachuu malle” jedhu kana.
12
Akka Qaayin ta'uu hin malle; innii golii Sheexanaa ta'eetti, obboleessa ufii ijjeese. Qaayin maaf isa ijeese? Mar. roo wantii obbolleessii isaa hojjate qajeela taatee, ta innii hojjate hamtuu taateef obboleessa ufii ijjeesse.
13
Tanaaf obboleeyyan tiyya yo, namii lafaa isan jibbe himmaminaa!
14
Nu marroo obboleeyyan teenna jaallannuuf, akka du'a lakkimnee jireennaatti baane beenna; namii nama hinjaallanne ammoo du'a keessatti hafa.
15
Namii obboleessa ufii jibbu ya nama ijjeese; akka namii nama ijjeesu jireenna barbaraa ufi keessa hinqamne isanuu inbeettan.
16
Waan Kiristoon lubbuu ufii nuu keenneef jaalaltii maal akka taate la baranne. Nulleen duuba jireenna keenna obboleeyyaan teennaa baasuu malle.
17
Namii yo horii lafa tanaa qabaatee ammallee obboleeyyan isaa ka gaargala keessaa jirtu argee ammoo garaa itti jabaatee, innii akkamiin Waaqaa jaaladha ufiin jedha?
18
Ijoollee tiyya! Jaalaltii teenna dubbii afaanii callaa hintahiin; ammoo jaalala dhugaa ta'uu malte, ta hujii dansaan ufi mulliftu.
19
Karaa kanaan nu akka dhugaa keessa jirru ufi beenna. Karaa kanaan Waaqaa duraatti garaa ufi jabeessina.
20
Yo heregii keenna wallaala nutti muree nu akka Waaqii herrega keenna irra guddaa ka ammallee waan cufa beeku inbeenna.
21
Tanaaf jaallan tiyya yo herregii keenna wallaala nutti hin murin, nu Waaqaa duraatti homaa hinsodaannu.
22
Mar. roo seera isaa guunnee waan isa gammachiisaa tolchinuuf Nu waan kadhannu cufa isa irraa arganna.
23
Wantii innii fedhu tana: akka nu ilma isaa Yesus Kiristoo dhugeeffanne, akka innii nutti hime waljaalannu.
24
Namii seera Waaqaa gula yaa'uu cuftii Waaqaa keessa jiraata, Waaqiilleen isa waliin jira. Karaa kanaan akka Waaqii nu keessa jiru beenna, waan innii hafuura ufii nuu kenneef.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5