bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 John 4
1 John 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Jaallan tiyya, nama, “Anin hafuura Waaqaa qaba” jedhu cufa hindhugeeffatiinaa, ammoo akka hafuurii sun gara Waaqaatti dhufe gargarii hubbadhaa. Wantii akkanaatiif raagii dharaa hedduun ya lafa dhufe.
2
Karaa kanaan hafuura Waaqaa beettan; hafuurii, “Yesus Kiristoon nama ta'e” jedhu cuftii gara Waaqaatii dhufe.
3
Hafuurii ammoo akka Yesus nama ta'ee gara Waaqaati dhufee mormu gara Waaqaatii hindhumne. Hafuurii kunin gara nyaapha Kiristootii dhufe; akka innii dhufu ya dhageettan, ammumaa ya dhufee lafa jira.
4
Ijoollee tiyya! Isan ka Waaqaati, raagoota dharaa ya dabsattan; wantii akkanaatiif hafuurii isan keessa jiru ka warra lafa keessa jiruu irra jabaa.
5
Warrii warra lafaati, waan lafaa dubbata; marroo tanaaf lafti warra caqafti.
6
Nu ammoo ka Waaqaati. Namii Waaqaa beeku cuftii nu caqasa; ka Waaqaa hinbeenne ammoo nu hincaqasu. Karaa kanaan hafuura dhugatii fi hafuura dharaallee gargarii beenna.
7
Jaallaan tiyya, waan jaalaltii gara Waaqaatii dhuftuuf waljaalannaa. Namii jaalala qabu cuftii ijoollee Waaqaati, Waaqaallee inbeeka.
8
Waan Waaqii jaalalatiif, namii jaalala hinqamne Waaqaa hinbeeku.
9
Waaqii karaa kanaan jaalala ufii nu garsiise: innii Ilma ufii tokkocha lafaatti ergee, akka nu isaanii jireenna argannu.
10
Nu Waaqaa hinjaalanne; innii ammoo nu jaalateetti akka marroo hujii isaatiif cubbuu teenna nuu araaraman ilma ufii nuu erge. Jaalala jechuun tana.
11
Jaallan tiyya, yo Waaqii hagana nu jaalate, nulleen walii jaalachuu malle.
12
Namii takka Waaqaa arge hinjiru; yo nu waljaalanne Waaqii nu keessa jira, jaalaltii isaa nu keessatti qixoofti.
13
Karaa kanaan akka dhuguma Waaqaa keessa jiru ammallee akka Waaqii nu keessa jiru beenna; innii ya hafuura ufii nuu kenne.
14
Ammallee nu ya garre akka Abbaan ilma ufii akka in baafama lafaa ta'uu ergee, biyyaalletti inodeessina.
15
Nama, Yesus Ilma Waaqaa jedhu cufa Waaqii isa keessa taa, inniilleen Waaqaa keessa taa.
16
Jaalala Waaqii nuu qabu nu inbeenna, ammallee indhugeeffannaalle. Waaqii jaalala, namii jaalalaan taa'u cuftii Waaqaa keessa ta'a Waaqilleen isa keessa taa'a.
17
Mar. roo waan kanaatiif jaalaltii nuu qixoofti, akka nu Guyyaa murtii homaa hinsodaanne, marroo jireennii keenna lafa tana keessatti akka ka Kiristoo jiruuf.
18
Jaalala keessa sodaan hinjirtu; jaalalti dhugaa sodaa balleessiti. Tanaaf nama sodaa qabu keessatti jaalaltii hinqixoomne, waan sodaan muraa yakkaa qabduuf.
19
Wantii nu jaalannuuf, Waaqaatti qaraa nu jaalate.
20
Namii yo, “Anin Waaqaa jaaladha ufiin” jedhee, ammoo obboleessa ufii jibbee kiyyiba. Innii danda'ee Waaqaa ka ilaan hingarre hinjaalatu, eegii obboleessa ufi ka ilaan arguu hinjaalanne.
21
Tanaaf seerii Kiristoon nuu kenne kana; namii Waaqaa jaalatu obboleeyyan ufiillee jaalachuu male.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5