bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 John 5
1 John 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Namii akka Yesus Kiristoo ta'e dhugeffatu cuftii ijoollee Waaqaa; namii abbaa jaalatu cuftii ilma isaallee injaalata.
2
Karaa kanaan akka nu ijoollee Waaqaa jaalannu beenna: yo Waaqaa jaalannee seera isaa guunna.
3
Jaalaltii Waaqaa akka seera isaa guunnu. Seerii isaalleen nama hindhibu,
4
waan ijoolleen Waaqaa cuftii lafa dabsachuu dandeetuuf. Dhugeeffachaa teennaan lafa dabsanna.
5
Nama akka Yesus ilma Waaqaa dhugeeffatu malee, eentu danda'ee lafa dabsata?
6
Yesus Kiristoon dhiigaa fi bisaaniin dhufe. Innii bisaan callaan hindhumnee, ammoo bisaanii fi dhiigaan dhufe. Mar. roo Hafuurii dhugaatiif, akka wantii kuniin dhugaa Hafuuriilleen ya hime.
7
Wa sadiitti dhugaa hima,
8
wanni sun sadeen, Hafuuraa, bisaanii fi dhiiga. Wanni sadeenuu waan takkaa dubbatti.
9
Nu dhugaa namii dubbatuu indhugeeffannaa, ta Waaqii jedhu ammoo hagasi irra jabduu, ammallee innii dhugaan waan Ilma ufii ya dhugeesse.
10
Namii Ilma Waaqaa dhugeeffatu cuftii dhugaa tana garaa ufi keessa qaba; namii ammoo Waaqaa hindhugeeffanne, marroo innii waan Waaqii Ilma ufiiti dhugeesse dhugeeffachuu dideef ya Waaqaa kiyyibaa tolche.
11
Waaqii ya jireenna hegerii nuu kenne, jireennii kuniin Ilma isaa keessa jiraa, dhugaalleen tana.
12
Namii Ilma Waaqaa qabu cuftii jireenna kana inqaba; namii Ilma Waaqaa hinqamne jireennaallee hinqabu.
13
Wantii anin waan kana isanii barreessuuf, akka isan warrii ilma Waaqaa dhugeeffatu, akka jireenna barbaraa qabdan hubattan.
14
Mar. roo waan kanaatiif nu fuula Waaqaa duraatti hinsodaannu; nu akka Waaqii waan nu feennu cufa, yo nu akka feedhii isaa gula kadhane nuu kennu abdii qamna.
15
Yo nu isa yaammannu cufa innii nuu dhaga'a; marroo nu akka wantii kuniin dhugaa beennuuf, nu akka innii waan nu kadhannu nuu kennu inbeenna.
16
Namii yo obboleessa ufi ka cubbuu du'aan hin gennee hojjatu argee, ha Waaqaa jirenna isa kennuu kadhatuuf. Wantii kunin waan nama cubbuu du'aan nama hingenne hojjatee dubbatti. Ammoo cubbuun du'aan nama gettu injirti, anin marroo cubbuu tana Waaqaa kadhadhaa isaniin hinjedhu.
17
Wallaalii cuftii cubbuu, ammoo cubbuun du'aan nama hingennee injirti.
18
Nu akka ijoolleen Waaqaa yo cufa cubbuu inhojjanne inbeenna; wantii akkanaatiif akka hamaan kaan danda'ee homaa hintolchinee, Ilma Waaqaatti isii qorqorata.
19
Nu akka ka Waaqaa taane, ammoo akka laftii cuftii harkaa hamaa Kaanii keessa jirtu inbeenna.
20
Ammallee nu akka Ilmii Waaqaa dhufee hubachaa nuu kenne inbeenna, akkasiin Waaqaa Waaqaa dhugaa ta'e beenna, Ilma isaa Yesus Kiristoo keessan nu Waaqaa dhugaa keessa jirra, Waaqii dhugaa kanaa, jireennii hegeriilleen kana.
21
Ijoollee tiyya, waaqoota dharaa lagadhaa!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5