bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Peter 1
1 Peter 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phexros, ergamaa Yesus Kiristoo, gara gumii Waaqii foohatee ta baqattee gargarii bittinnooftee, lafa Phonxoos, Galaatiyaa, Kaphaadooqiyaa, Asiyaa fi Bitaaniyaa keessa jirtu.
2
Mar. roo fedhii Aabboo Waaqaatiif isan foohatan, akka hafuura isaatiin gumii qulqulloo taatan, Yesus Kiristoo ee'ee jettanii guuttan, dhiiga isatiin qulqullooftan. Eebbaa fi nagaa guddaa argadhaa.
3
Waaqa Aabbaa Aabboo keenna Yesus Kiristootii galata galchinaa! Mar. roo naasuu isatiif innii Yesus Kiristoo du'a keessaa kaase, jireenna haaraa nuu kenne. Wantii kunin abdii jirtu nuu kenniti,
4
tanaaf nu akka eebba guddoo, Waaqii gumii isaatii kakate argannu inheregannaa. Innii eebba sun gubbaa isanii olkaa, fulaa isiin dandeettee hinshamneef, yokhaan hinhammaanneef, yokhaan hingogonneef.
5
Isanii warra baafama amma kurfeessanii guyyaa muummee mullisan eegattani ka marroo dhugeeffachaatiif jabeennii Waaqaa qorqoratuti, wanni sun keessan.
6
Adoo ammaa tana waan hedduun gaargaltanii guddoo laleeffattanillee marroo waan kanaatiif gammada.
7
Wantii kunin akka dhugeeffachaan teessan ta dhugaa garsiifti. Warqii dhumattuulle bassan ibiddaan laallatan; ammoo dhugeeffachaa teessan, ta warqii irra wa baatu akka isiin haga jiruu jireennaa teettu laallachuu malan. Yoos guyyaa Yesus Kiristoon mullatu saaduu, guddinnaaf, ulfinna argattan.
8
Isan, adoo isa hinarginiillee, isa jaalattan, adoo amma ilaan hinagarreellee isa dhugeeffattan tanaaf gammada guddaa dubbiin dandeettee hinmullimneen qiliixamtan.
9
Mar. roo isan baafama hafuura keessanii, ka dhugeeffachaan foohattee abdattuu argataniif.
10
Mar. roo eebba Waaqii isanii kennuu fedhee raagotii dubbatte waan baafamaa kana akka jabaa barbaadde.
11
Yo wantii kunin dhuftuu fi akka isiin dhuftu barbaadan. Hafuurii Kiristoo, ka warra keessa jiru, yo kana akeeke, gaargala Yesus argachuu maleef guddinna eegii sun dhufu hima.
12
Akka hujjiin warrii hojjate adoo warrii dhugaa amma isan dhageettan tana dubbatellee warra hinqarqaartuu, ammoo isan qarqaartuu Waaqii ya raagootaatti mullise. Ergamtoota oduu dansaa, ta jabeenna Hafuura Qulqulloo, ta gubbaa gad erganiin dubbateetti waan kana isaniitti hime. Dhugaa tana ergamtootii gubbaalleen silaa barachuu feeti.
13
Tanaaf qalbii teessan kurfeefadhaa waan hamtuu irraa ufi eegaa; abdii teessan, eebba Yesus Kiristoon mullatu ta isanii kennan, irra keeyadhaa.
14
Ijoollee Waaqaa saalfattu tahaa, dharraa gaafa homaa hinbeenne qabdan taan amma gula hinyaa'innaa.
15
Ammoo waan tolchitan cufaa keessa qulqulloo tahaa, akkuma Waaqii, ka isan yaame, qulqulloo.
16
Wantii akkanaatiif barreessiin qulqulloo, akkuma anin qulqulloo isaniilleen qulqulloo tahuu maltan jetti.
17
Yo Waaqa, ka nama cufa ila tokkoon laalee, waan innii tolche gula itti muru kadhattani, “Aabboo” jettaniin; haga lafa tana irra jirtan akka keessumaa taatanii isa sodaachuu maltan.
18
Wantii akkanaatiif isan akka aadaa hamtuu abbootii teessan irraa barattan keessaa isan bitan inbeettan. Horiin isan bitamtaniin sun waan akka qarsii fi warqii badaatiiniti.
19
Dhiiga Kiristoo ka gatii guddoo qabu, ka akka elemoo hoolaa faacii fi aaboo tokkoollee hinqamneen isan bitan.
20
Adoo lafa hinuumiin Waaqii isa marroo teessaniif foohatee, guyyaa muummee kana isa mullise.
21
Isan, isaan, Waaqa, ka du'a keessaa isa kaasee, guddinna kenneef dhugeeffattan; tanaaf dhugeeffachaa fi abdiin teessaniilleen Waaqaa ilaalti.
22
Eegii isan amma dhugaa guuttan suniin ufi qulqulleessitan, ammallee obbolleeyyan teessan akka dansaa jaalattan, garaa keessan cufaan akka dansaa wal jaaladhaa!
23
dubbii Waaqaa ta haga hegerii jirtuun, isan akka ijoollee didiqqoo abbaa fi haatii dootunittii ammoo ta hindoonee dhalattan.
24
Akkuma barreessiin, “Namii cuftii akka buuyyoo jira, guddinnii nama cufaa akka daraaraa buuyyoo jira; buuyyoon goddeetti, daraaraan isii jiga,
25
Ammoo dubbiin Aabboo haga jiruu jireennaa jirti” jettu. Dubbiin oduun dansaan isanii dhufteen tana.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5