bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Peter 5
1 Peter 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Anilleen jaarsaa, anin isan kadhadha, jaarrollee gumii ta jidduu teessan jirtuu kadhadhaa. Anin gaargala Kiristoo ila tiyyaan argee, duuba guddinna eegii tanaa mullisan qooda keessaa qaba.
2
Hooliyyee Waaqii isanii kenne, akkuma Waaqii akka isan tolchitan fedhu garaa lamaanitii garaa tokoon tissaa. Hujii teessan ammoo, waan horii keessaa argattan callaaf hintolchiinaa, fedhiin tolchaa.
3
Warra harka keessanitti kennan hin moohatiinaa, ammoo akeeka dansaa hooliyee tahaa.
4
Duuba gaafa tissaan guddaan dhufu, surree ulfinnaa ta haga jirtu hindulloommanne argattanii.
5
Akkasuma isan ka'iimii, jaarrollee saalfachuu maltan. Namii cuftii ha ufi diqqeessee walii gargaaruu; wantii akkanaatiif “Waaqii warra ufi guddisuun imorma, ammoo ka ufi diqqeesu ineebbisa” barreessiin jettii.
6
Akka innii yo fulaan geette isan guddisuu, harka Waaqaa jalaatti ufi diqqeessaa.
7
Gaargala keessan cufa harka isaatti kennadhaa, wantii akkanaatiif innii isan jaalatee, isan qorqorata.
8
Nyaaphii keessan Sheexanii akka Nyeencaa ittanuu deemaa nama nyaatu barbaadaa, kurfoo taa'aa, eegadhaa.
9
Dhugeeffachaa teessan jabeessaa, isa didaa; akka namii akka keessan dhugeeffate, lafa cufa keessa akkuma keessan gaargaluu jiru isan inbeettanii.
10
Ammoo eegii isan bultii diqqoo tokko gaargaltan, Waaqii eebba cufa, ta akka guddinna Kiristoo waliin qoodattanii isan yaame, isan qixxeessee, jabeenna isanii kennee, yayyaba jabaa isanii midhaasa.
11
Jabeennaa fi ulfinnii ammaa fi hegeriillee Isaa haa ta'u! Ee'e jenne.
12
Anin ergaa diqqoo tana qarqaarsa Silwaanos, ka anin akka obboleessa dhugaa herregadhuutiin, barreesse. Anin isan jabeessuu fedha, ammallee akka eebbitii Waaqaa dhugaa, isaniitti himu fedha. Eebba tanaani jabaadhaa.
13
Gumiin Baabilon ta Waaqii foohate, nagaa isanii dhaamti, ilmii kiyya Maarqosilleen nagaa dhaamaa.
14
Nageennii isanii warra Kiristoo cufaa waliin taa'inna. Jaalalaa Kiristaanaatiin nama cufa nagaa ittii nu himaa nu Dhungaadha.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5