bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Peter 4
1 Peter 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Mar. roo Kiristoon nafaan gaargaleef, isaniilleen herega suniin ufi jabeessuu maltan wantii akkanaatiif namii nafaan gaargalee tokkoolleen itti deebi'ee daba keessa hinseenu.
2
Armaa achi jireenna keessan cufaan fedhii Waaqaa keessa taa'aa; dharraa nafaa lakkisaa.
3
Wantii akkanaatiif isan ya bara hedduu waan warrii Waaqaa hinbeenne tolchu tolchitan. Jireenna keessan keessa ya waan xuriitii, dharraa nafatii, dhugaatii farsotii, sabdoomaa, machii fi kadhachaa dharaa, ta waan harkaan bocanii, gula yaatan.
4
Amma warrii Waaqaa hinbeenne, yo isan akka warraa waan xuriitiin hinbineensomne, mamee isan arabsa.
5
Ammoo warrii kunin cuftii waan qara tolche, Waaqaa nama jiruu fi ka du'eelleetti muruu kurfoo jiru duraatti himachuu male.
6
Mar. roo waan kanaatiif oduu dansaa warra qara du'ee, ka akka nama cufa nafaan itti muran odeessan. Wantii warratti odeessaniif akka warrii hafuuraan akka Waaqii jiru jiraatu.
7
Muummeen waan cufaa ya dhi'aattee; tanaaf akka Waaqaa kadhattanii, ufi tissitani kurfoo taa'uu maltan.
8
Waan cufa irra waljaaladhaa! Wantii akkanaatiif jaalaltii cubbuu hedduu dhossiti.
9
Aananii foon qabdan garaa tokkoon walii kennaa.
10
Namii cuftii ya Waaqaa irraa kennamsa naasuu argate. Duuba innii kennamsa sun ha jabeessee nama cufaan gargaarutii.
11
Namii wa barsiisuu ha dubbuma Waaqaa barsiisutii; namii wa hojjatuulleen ha jabeenna Waaqii kennuufiin hojjatuutii; akka waan cufaan Waaqii karaa Yesus Kiristootiin ulfinna argatu. Yesus Kiristoo, guddinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaallee ha ta'u. Ee'e jenne!
12
Jaallan tiyya, yo ilaallachaan guddoon akka ibidda nama gubuu isantii dhuftee, akka waan wantii namii takka hin argin, isaniitti dhuftee hinmaminaa.
13
Ammoo gammadaa, akka marroo isan gaargala Kiristoo qoodattaniif, yo guddinna isaatti mullattan gammadii keessan guutamu.
14
Kaayoon teessan yo marroo maqaa Kiristootiif isan arabsan; wantii kunin akka Hafuurii Waaqaa, ka guddinnaa gara keessan dhufee garsiifti.
15
Isaniin tokkoolleen nama ijeeftanii, yokhaan wa hattanii, yokhaan wa yakkitanii, yokhaanii waan namaa keessa seentanii hin gaargaliinaa.
16
Ammoo yo marro isan Kiristaana taataniif isan gaargalchan hinceerinaa, waan maqaa Kiristoo qabdaniif galata Waaqaa galchaa.
17
Yoh. ii murtiin kennamtu ya gahe, murtii tana qaraa fiixee warra Waaqaattiin jalqaba. Yo qaraa nuun itti keeyyatan, warra oduu Waaqaa dansaa hindhugeeffanne maan tolchan ree?
18
Akkuma barreessiin, “Yo akkii namii qajeelaan bahu gaargala ta'e warra cubbuu ka Waaqaa hinbeenne maan tolchan ree?” jette
19
Tanaaf warrii marroo fedhii Waaqaatiif gaargalu, ha hujii ufii dansaan harka Waaqaa warra uumee, ka yo cufa kakuu ufii guutuutti kennuutii.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5