bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Peter 3
1 Peter 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Akkasumaa isan nadheen, akka yo dhiirsotii garii dubbii Waaqaa dhugeeffachuu baattellee adoo isan namii tokkoolleen homaa hinjedhin, adabii keessan callaan Waaqaatti warra deebisu dhiirsota teessanii ceeraa.
2
Warrii adaba keessan dansaa fi qulqulloo argee maacha.
3
Mat. aa filachaan, faayaa naqachaan, wayaa naqataniin shoobuu himmalle.
4
Ammoo midhaagumtii teessan ta garaa keessaa hataatuu, midhaagumti hafuura laanaa fi obsaa ta hinjaare; tunin Waaqaa duratti waan guddoo.
5
Karaa kanaan nadheen durii ta Waaqaa abdatte ufi midhaasitee, dhiirsota ufiitii ceerte.
6
Saaraan durii akkas taate; isiin Abraahamii ceertee akka Abbaa ufii herregatte. Isan amma ijoollee isii ka yo waan dansaa tolchite homaa hinsodaanne taatan.
7
Isaniin dhiirsotaa, yo nadheen teessan waliin teettan, akka isiin isan irra laaftu beettanii ceeruuf maltan. Wantii akkanaatiif isaniin cuftii waliin eebba jireenna Waaqaa qabdan. Akka wantii tokkoolleen kadhachaa teessan isan duraa hinyakine waan kana tolcha.
8
Dubbii buufataa herrega takkaa fi garaa takkaa qabaachuu maltan; akka obboleeyyanii waljaaladhaa, walii na'aa, walii saalfadhaa.
9
Nama waan hamtuu isan tolche waan hamtuu hintolchiinaa; nama isan arrabse hinarbisinaa, ammoo eebbisaa; wantii akkanaatiif Waaqii, gaafa isan yaame, eebbaaf isani yaame.
10
Barreessiin qulqulloon, “Namii jireenna fedhu, ka gammadaan taa'uu fedhu, ka bara dansaa arguu fedhu, waan hamtuu dubbachuu hinmalle, dharallee dubbachuu himmalle.
11
Innii hameenna irraa deebi'ee, waan dansaa tolchuu male, ammallee jabeessee nagaa barbaaduu male.
12
Wantii akkanaatiif, ilti Aabboo warra qajeelaa qorqoratii, gurrii isaalleen yo cufa kadhachaa warraa dhagaa; ammoo warra hameenna tolchu innii itti dallana” jetti.
13
Yo isan waan dansaa guddoo tolchuu feetan eentu wa isan tolcha?
14
Ammoo yo waan dansaa tolchitanii, isan gaargalchaniillee, milkii teessan! Nama hinsodaatinaa, garaa ufi hindhaaniinaa.
15
Ammoo garaa keessan keessaatti Kiristoo guddisaa Aabbaa isa tolfadhaa. Nama waan abdii isan ufi keessaa qabdanii isan gaafatu, akka itti himatan yo cufaa kurfoo taahaa.
16
Ammoo garaa laafinnaatii fi ka ceeratiin tolchaa. Akka yo isan arabsan namii marroo isan adaba dansaan Kiristoo gula yaataniif hameenna isanitti dubbatu ceeru, qalbii teessan qulqulleeffadhaa.
17
Waan hamtuu tolchanii gaargalu biraa yo fedhii Waaqaa taate, waan dansaa tolchanii gaargalan wayya.
18
Wantii akkanaatiif Kiristoolleen namii dansaan marroo nama hamatiif du'e. Innii marroo teessaniif yoma tokkoo du'e, akka akkasiin Waaqatti isan deebisu. Nafa isaa ijjeessanii, ammoo hafuurii isaa injira.
19
Hafuurii isaa dhaqeeti hafuura hidhaansa keessa jiruulleetti haasaa.
20
Hafuurii hidhaansa jiru kunin ka jara Waaqaa caqasuu didee, gaafa innii, adoo Noohii hobooloo jaarratuu obsaan eege. Nama saddeeti ka hoboloo keessa jiru callaatti bahe.
21
Bisaan kunin waan cuuphama agarsiisaati, ka amma isan baasu, xurii nafa irraa hindhixxuu, ammoo kakuu qalbii dansaan Waaqaatti kakataniin isan baafti. Cuuphamii marroo ka'iisa Yesus Kiristotiif isan baasa,
22
ka Waaqaa gubbaatti oldeebi'ee harka Waaqaa ka mirgaa taa'e, ergamtootaa Waaqaa gubbaa, jabeennaa fi humna Waaqaa gubbaa jirtu cufaa moo'u.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5