bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Thessalonians 1
1 Thessalonians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Phaawulos, Silwanosii fi Ximotewos ergaa tana gara gumii, Tasaloniqee ta Waaqaa Abbaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon takkaa taate barreessan. Eebbaa fi nageenni isanii ha tahuu.
2
Nu yo cufa marroo teessaniifi Waaqaa galata galchine, kadhachaa teenna keessatti maqaa keessan dhoomna.
3
Akka isan dhugeeffachaa teessan hujiin garsiiftan, akka jaalaltii teessan hujii guddoo isan tolchisiiftee, ammallee akka abdiin teessan Aabbo Yesus Kiristoo keessatti jabduu, nu Waaqaa fi Abbaa keenna duratti inqaabanna.
4
Obboleeyyan teenna nu akka Waaqii isan jaalatee, akka nama isaa taatani isan foohate, inbeenna.
5
Nu oduu dansaa afaan callaani isanii hindhumneeni, ammo jabeennaa, Hafuura Qulqulloo fi dhugaa mirkanaatiin isanii dhumne. Akka nu gaafa isani waliini teenne jirru imbeettan; nu marroo irrajirtii teessaniitiif teenne.
6
Nuu fi Aabboo uf fakkeessitani; ammoo adoo guddoo gaargaltanille, gammada Hafuura Qulqulloo irraa argataniini dubbii akka dansaa fudhattan.
7
Tanaafi isani jara dhugeeffate ka Maqedoni'atii fi ka Akaayyaati akeeka taatan.
8
Wanti akkanatiif dubbiini Aabboo isan irra baatee, Maqedoni'a fi Akaayyaa callaa hingeenne, ammoo oduun dhugeeffachaa isan Waaqaa dhugefattan ya fulaa cufa geette. Wanti nu jechuu malle hinjirtu.
9
Namii cuftii waan gaafa nu gara keessan dhumne, ka isan akka dansaa nu bulchitan dubbata, akka isan waan tolchanii waaqeffatan lakkiftanii Waaqatti deebitani, Waaqaa dhugaa ka jiruu hojjattani,
10
Ilma isaa ka gubbaa gadi dhufu, ka innii du'a keessaa kaase, ka dallansuu Waaqaa ta hegerii dhuftu duraa nu baasu Yesus eegattan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5