bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Thessalonians 5
1 Thessalonians 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Obboleeyyan hojjaan wantii kunin cuftii taatu yoom akka taate wanni isanii barreessuuf hinjirtu.
2
Wantii akkanaatiif, akka Guyyaan Aabboo akka hattuun halkaniin dhuftu dhufu isan inbeettan.
3
Adoo namii, wantii cuftii “Nagayaa badhaadha” jedhu badiin akka ciniinsuu nadheenii tasa dhufti. Namii tokkolleen duraa hinbahu.
4
Ammoo obboleeyyan, isan dukkana keessa hinjirtanii, guyyaan sun akka hattuu tasa isanitti hindhufu.
5
Isaniin cuftii warra ifaa, ka guyyaati. Nu warra halkaniitiiniti yokaan ka dukkanaatiiniti.
6
Tanaaf nu akka jara dhibii rafuu hinmalle; yo cufa kurfoo teennee eeguu malle.
7
Maaniif jennaan hirriibaa fi machiin namaa cuftii halkan.
8
Ammoo nu warra guyyaati, kurfoo taa'uu malle. Dhugeeffachaa fi jaalala akka wantee sibiilaa ta qomaatti keyyaatanii keeyyachuu malle, abdii teenna ta baafamaalle akka koofiyaa sibiila keeyyachuu malle.
9
Waaqii akka nu dallansuu isaatiin gaargallu nu hinfoohannee, ammoo akka baafama marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootii jennee argannuuf nu foohate.
10
Adoo gaafa innii dhufu nu jiraanne yokaan doonellee akka nu isa waliin teennuuf inni marroo teennaa du'ee.
11
Mar. roo waan kanaatiif akkuma amma tolchitan kana wal qarqaaraa, wal jabeessaa.
12
Obboleeyyan, nu akka isan warra Aabboon foohate, ka barsiisee isan gorsuu, ceertanii fokkitaniif isan kadhanna.
13
Mar. roo hujii warrii hojjatuutiif ulfeessaa, jaaladhaa. Isanilleen nagayaan waliin taa'a.
14
Obboleeyyan, warra homaa hinhojjanne gorsaa, nama ceeru jabeessa, lallaafaa qarqaara, nama cufaa obsaa jennee isan kadhanna.
15
Akka namii tokkolleen haaloo wal hinfuune, qorqoradha, yo cufa waan dansaa walii fi nama dhibiillee tolcha.
16
Yo cufa gammadaa,
17
yo cufa Waaqaa kadhadhaa,
18
Waan cufa keessatti Waaqaa galata galchaa, jireenna keessan ka Kiristoo keessatti wantii Waaqii isan irraa fedhu tana.
19
Hujii Hafuura Qulqulloo hindhaanfina!
20
Dubbii hafuura Waaqaatiin raagan hintuffatina!
21
Waan cufa laalladhaa: waan dansaa olkeyyadha,
22
hammeenna akka cufaa lagadha.
23
Waaqii nagaya nuu kennu, karaa cufaan ka ufii isani tolfatiinna, lubbuu, onnee fi nafa keessan gaafa Aabboo Yesus Kiristoon dhufuu asi wallaala irra dhowwinna.
24
Innii ka dhugeeffatan waan isan yaameef sun danda'ee intolcha.
25
Obboleeyyan tiyya nullee Waaqaa kadhadhaa.
26
Obboleyaan cufa nuu dhungadhaa nagaa itti nuu himaa.
27
Akka isan ergaa waraqataa tana obboleeyyan cufaa dubbiftan ani jabeenna Aabbootiin isan kadhadhaa.
28
Eebbiti Aabboo Yesus Kiristoo isan waliin tahinna.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5