bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Thessalonians 2
1 Thessalonians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
1
Obboleeyyan teenna, akka imaltuun nu gara keessan dhandhee wa baate isanuu inbeettan.
2
Adoo fulaa teessan ta Tasaloniqee hindhufin, akka Filiphiisiyuus keessatti dhaananii nu arrabsan, isanuu inbeettan. Ammoo Waaqii keennaa, adoo nami hedduun didellee, akka Oduu dansaa gara isaati dhufte isanti hasa'uu hinsodaanne, jabeenna nuu kenne.
3
Wanti akkanaatiif wanni nu isan kadhannu wallaala, dharraa hamtuu fi soba tokkollee hinqabdu.
4
Ammoo nu yo cufa akka Waaqii fedhu hasoomna, marroo innii nu dhugeeffatee oduu dansaa nuu kenneef. Nu nama gammachiisu hinfeenu, ammoo Waaqaa herrega garaa keennaa laalu gammachiisuu feena.
5
Isan inbeettan, akka nu hasaa namaan sossobnuuni hindhumne, yokaani sabdooma keenna haasaan hindhossin Waaqii dhugaa keenna.
6
Nu nama nu faarsu, isanii fi nama dhibiille hinbarbaanne.
7
Adoo akka ergattuu Kiristoo nu silaa waan feenu isan irraa barbaaduu dandeennellee, ammoo nu gaafa isan waliin jirru akkuma haati ijoollee ufi qorqorattu guddoo isan qorqoranne.
8
Nu marroo guddoo isan jaalanneef, jaalala teenna guddoo sun irraa kaanee oduu dansaa Waaqaa callaa isanii hinkenninee akka jireenna keennallee isani kenninu nu kurfoo jirra.
9
Obboolleyyan akka nu adoo oduu dansaa Waaqaa isanitti haasomnuu akka isan hingaargaalchine halkani fi guyyaa gaargalaan hojjaanne isan inbeettan.
10
Gaafa isanii warra dhugeeffatee waliin jirru akka adabii keenna qulqulloo, qajeelaa, ka faaci hinqabne tahe isan nuu dhugaa, Waaqilleen nuu dhugaa.
11
Isani inbeettani, nu isanii cufaa akkuma abbaani ilmaani ufiiti herregu herrenne.
12
Jireenna Waaqaatti isan yaamee, finnaa fi ulfinna isaa isanii qoodu gammachiisu, keessa ta'a jennee isan jabeessinee, isan qarqaarre.
13
Ammalle marroo waan kanaatiif nu yo cufaa galata Waaqaa deebimna. Gaafa nu dubbii Waaqaatiin isanii dhumne, isan akka dubbiin sun ta namaatiin, ammoo akka dubbii Waaqaa caqaftanii; dhugeffattan. Isiinuu dhuguma dubbii Waaqaati. Waaqi jidduu isanii warra dhugeeffatee hojjachuuti jira.
14
Obboleeyyan tiyya, isanilleen, akkuma gumiin Waaqaa; ta Kiristoo Yesus, ta Yihudaa keessa jirtu taate, taatan. Akkuma warrii lafa teessanii isan gaargalchee, akkuma sun warrallee Yahudiin gaargalchiti.
15
Ta Aabboo Yesusii fi raagoota ijjeeftee, nullee haatee lafaa baftee, warrallee gaargalchite. Warrii warra guddoo Waaqaa dallansiise, nama cufa guddoo jibban.
16
Warrii dubbii baafama namaa kennitu akka gosa dhibiitti haasomnu nu dhowwuu fedhe. Dabii warrii guyyaa cufa tolchu ammaa tana ya muummee bahe. Amma eegee dallansuun Waaqaa ya warra dhaqabde.
17
Ammoo obboleeyyan, nu gaafa diqqoo tokko isaniin gargari baanee, guddoo ceekomnee silaa isan arguu feene. Ammoo nafaan fulaa fulaa teenne malee yaadaan gaargari hinbaane.
18
Gara keessan deebi'uu feene. Keessumatti anin Phawuloos marroo hedduu deebi'uu fedhe, ammoo Sheexanatti nu dhowwe.
19
Taatullee abdiin teenna, gammada keennaa fi wantii nu fuula Aabboo Yesus durratti yo innii deebi'u uf guddimnuuf isanumaaniti?
20
Guddinnaa fi gammachuun teenna isan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5