bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Thessalonians 4
1 Thessalonians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Ta buufataa, obboleeyyan, isan akka taatanii Waaqaa gammachiiftan nurra ya barattan. Haguma duriitii isan akkasuma taatan. Amma nu maqaa Aabboo Yesusitiin, akka isan hagasillee irra jabaattan isan gorsinee isan kadhanna.
2
Wantii akkasiitiif waan nu jabeenna Aabboo Yesusiitiin isan barsiisne inbeettan.
3
Waaqii akka isan qulqulloomtanii algalooma lagattan fedha.
4
Namii dhiiraa cuftii akka warra Waaqaa inbeennee, dharraa nafaa hamtuu gula akka hin yaane; ammoo ha karaa dansaa qulqulloon niitii ufi waliin taa'uu.
6
Akkanaan namii tokkolleen obbolleessa ufiitti dabee waan isaa irraa hinfudhatin. Akka Aabboon warra waan akkanaa kana tolchu balleessu nu qaraa isanitti himnee, guddoo isaan gorsine.
7
Waaqii, Algalooma keessa taa'aa nuun hinjenne, ammoo “Qulqullooma keessa taa'aa” jedhe.
8
Tanaaf namii barsiisa kana dide cuftii nama hindinne, Waaqaa Hafuura Qulqulloo ufi isanii kennu dida.
9
Wantii anin, “Wal jaaladhaa” jedhee barreessuuf hinjirtu. Waaqinuu ya akka isan wal jaalattan isan barsiise.
10
Ammallee isan obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jirtu cufa ya akkas jaalattan. Tanaaf obboleeyyan nu, akka hagasillee irra jaalattan isan kadhanna.
11
Jabaadhaa! nagayaan taa'aa bultii teessan midhaafadha! akkuma nu qaraa isanitti himne humnuma teessaniin hojjadhaa bulaa!
12
Akkanaan waan feetan nama tokkollee hinkadhattan, warrii hindhugeeffatinilleen isanii ceeree fokka.
13
Obboleeyyan, nu akka isan akka warra abdii hinqamnee hinlaaleffanne waan dhugaa ka warra du'ee dabree barattan feena.
14
Nu akka Yesus du'ee ka'ee dhugeeffanna; tanaaf akka Waaqii warra dhugeeffatee du'ellee isa waliin dhufuun indhugeeffanna.
15
Barsiisaan Aabboo ta nu isan barsiisnu tana: nu warrii gaafa Aabboon deebi'u jirru, warra qara du'e kaan duratti hin yaanu.
16
Qoonqoo ajaajaatti; qoonqoon maleekka guddaa, qoonqoon magalata Waaqaa dhufa. Aabboon gaafas gubbaa gadi bu'a, qaraa warrii adoo Kiristoo dhugeeffatuu du'ee du'aa ka'a.
17
Achiin duubatti nu warra lubbuun jirru cufa dumansaa keessatti warra du'ee ka'e kaaniin walti guuranii, gubbaatti Aabboon wal waldeennee guyyaa cufaa Aabboo waliin teenna.
18
Tanaaf dubbii tanaan wal jajjabeessa.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5