bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
James 1
James 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Yaaqoob, anin hojjataa Waaqaatiifi ka Aabbo Yesus Kiristoo. Anin isanii gosa kudhanii lamaa ka gargarii bittinnooftanii nagaya kana dhaama.
2
Ee obboleeyyaan tiyya! Yo gaargalii akka hedduu isaniitti dhufuu, akka gammadaa herregadhaa.
3
Wantii akkanaatiif, akka yo dhugeeffachaa teessan laallatanii itti gaman obsaa fi jabeenna argattan isanuu inbeettan.
4
Ammoo akka obsii sun akka dansaa hujii ufii guutee, isan warra qixxaa'ee homaa irraa hinirdhanne ta'uu maltan.
5
Isan keessaa namii tokkolleen yo qarooma dhabee, ha Waaqaa kadhatuu! Duuba Waaqii naasoo, hifachaa malee waan cufaa namaa kennaa.
6
Nami kadhate dhugeeffachuu male, diqqoollee mamuu himmallee; wantii akkanatiif namii mamuu cuftii akka dhawwa galaanaa ka bubbee asii achi dhooftuu jira.
7
Namii akkanaa kunin waan garaan isaa lama ta'ee fulaa ejjatuu akka dansaa hinbeenneef, waan Aabboo irraa wa argatu hinsehin.
9
Obboleessii hiyyeessii, yo Waaqii wa kenneefi, olqabee, ha gammaduu!
10
Obboleessii dureessiilleen waan akkuma daraaraa buuyyoo dabruuf, yo Waaqii wa dhowwee, gad qabee ha gammaduutii!
11
Aduun baatee oowwii isii buuyyoo gubee goggosee, daraaraa irraa harcaasee, midhaagumtii isii baddi. Akkuma sun dureessa cufaa adoo innii taa'ee hujii ufii hojjatuu balleessan.
12
Namii ilaallachaan itti dhuftee obsaan dabsatee ha gammaduu! Eegii ilaallachaa dabsate, badhaasa jireennaa ka Waaqii nama isa jaalatuu dhaame argataa.
13
Namii tokkolleen, yo laallatan, Waaqaatti na laallate hinjedhiin! Wantii akkanaatiif hammeennii danda'ee Waaqaa hin laallatu, Waaqiilleen nama tokkollee hin laallatu.
14
Ammoo nama cufaa dharraa isaa hamtuutti yo hirkiftee sobduu laalata.
15
Duuba dharraan isaa hamtuun taan garaachoofteetti cubbuu dhalti; ammallee cubbuun, eegii guddate du'a dhalti.
16
Obboleeyyaan tiyya hinsobamiina!
17
Kenniisii dansaan namaa kennaanii fi bultiin dansaan achi hinaafin namaa kennaniilleen cuftii Waaqaa ibsee gubbaa uumee ka akka gaadisa galgalaa fi ganamaa hinjijjiiramne biraa gubbaa gaddhufa.
18
Akka nu uumama isaa cufaa keessaa hangafa taanuuf, fedhii isaatiin dubbii dhugatiin nu uume.
19
Obboleeyyaan tiyya waan kana qaabadhaa! Namii cuftii, ka dhageetti gurra laafee, laanumaa dubbatee, miira guddate haa ta'uu.
20
Wantii akkanaatiif dallansuun namaa fedhii Waaqaa ta dhugatiin hindhuftu.
21
Adabaa xuritii fi hujii hamtuu cufaa lagadhaa! Dubbii garaa keessan keessaatti facaasan, ta dandeetee lubbuu teessan baaftu, karaa laanatiin fudhadhaa!
22
Dubbii isaa caqaftanii ufi hindaallessinaa, ammoo dubbii sun guutaa!
23
Wantii akkanaatiif namii dubbii caqasee, hinguunne, nama daawitii keessan ufi laalee, akka jiru ufi argu fakkaata.
24
Innii yoma tokkon yo ufi laalee, achii deemee, akka jiru ufi dedha.
25
Ammoo nama seera qixxee ka nama balchoomsu jabeessee, laalee, caqasee dedhuu didee guutuu, nama sun Waaqii waan cufaa keessaatti ineebbisa.
26
Namii nama aadaa guutuu ufi sehuu eennu? Inni yo arraba ufi hintissine, ufi sobe, aadaan isaa homaa hinbaatuu.
27
Aadaan Aabbo Waaqii dhugaa fi qajeeltu jedhu tana: akka ijoollee haadhaa abbaa hinqamnee fi nadheen dhiirsii irraa du'ee isaani keessatti qorqoratanii, ufiillee hammeenna lafaa irraa dhowan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5