bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
James 2
James 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
1
Obboleeyyaan tiyya, isan yo Aabboo keenna Yesus Kiristoo, Aabbaa guddinnaatti, dhugeeffattanii, nama tuffattanii gargarii hinfootani.
2
Yo silaa namii durreessii qubee warqii, ka wayaa dadansaa qabuu fi hiyyeessii wayaa cicitte qabu, kora waliin olduudan,
3
duuba isan namicha wayaa dansaa qabu kaan hurriftanii fuula keessa dhuftanii: “Barcumaa dansaa kana irra taa'i” jettanii, hiyyeessa kaaniin ammoo, “Achi ejji, yokaan fulaa barcumaa kiyyaa kana dhaattuu lafa taa'i” jettaniin.
4
Yo akkas gootan isa ya jidduu teessaniitii nama gargarii nama qoodu ka ammallee herrega hamaan muruu taatanii ree?
5
Obboleeyyaan tiyya caqasaa! Akka warri dhugeeffachaan duroomee, mootummaa isaa ta innii warra isa jaalatuu dhaamate argatuuf, Waaqii hiyyeeyyii lafa tanaa foohate.
6
Isan ammoo hiyyeeyyii intuffattani! Warrii isan gaargalchee fulaa murtiitti isan geessuu, durreeyyii malee eennuu?
7
Namii maqaa dansaa, Waaqii isanii kenne, arrabsuu warruma suniiniti?
8
Yo seera hayyuu sun, ka “Nama cufaa akkuma ufii jaalattu jaaladhu” jedhanii barreessi qulqulloo keessaatti barreessan guuttanii, ya waan dansaa tolichtan.
9
Ammoo yo nama gargarii foohatanii, la daba tolchitanii, seera gula wallaala isaniitti muran.
10
Wantii akkanaatiif namii yo seera cufaa guutee, ammoo tokko yakkee, akkuma waan seera cufaa yakkeetti herregamaa.
11
Wantii akkanaatiif kama: “Hinshaarmuxin” jedheetti, “Nama hinijjeessin” jedhe. Tanaaf atin yo seera qaraa kaan guuttee, ammoo nama ijjeeftee, yaayyuu seera cabsite.
12
Waan dubbattanii fi waan tolchitaniillee keessaatti akkuma nama seera balchoomaatiin qoramee murtii argatuu ta'a!
13
Waaqii, yo dubbii nama naasuu namaa hinqamnee muruu, isaallee hin na'u; ammoo naasuun murtii dabsatti.
14
Obboleeyyaan tiyya, namii yo: “Anin dhugeeffachaa qaba” jedhee, ammoo hujiin isaa hingarsiimnee dhugeeffachaan sun maal baatiif? Dhugeeffachaan innii jedhu sun callaan isa inbaaftii?
15
Yo silaa obboleessaa fi obboleetiin daara qabaatanii, ammallee waan soorataniillee hinqamne, duuba yo isan keessaa namii tokko adoo waan nafii fedhuu hin keniniif
16
“Waaqii isan eebbisinnaa, wayaa uyyifadhaa, sagalee nyaadhaa” jedheenii maal baatiif?
17
Dhugeeffachaan akkasii, ka hujiin dansaan bira hinjire yo kophaa jiraatee, la doote.
18
Namii tokko ammoo, “Atin dhugeeffachaa qabdaa, anin hujii qaba” yo jedhee, Anin ammoo “Dhugeeffachaa hujii dansaa hinqamne na garsiis! Ani ammoo dhugeeffachaa tiyya hujii dansaan si garsiisa” jedhaan.
19
Akka Waaqii tokkoo ya dhugeeffattee? Guddoo dansaa! Isa jinniinuu indhugeeffatti, ammallee sodaatteetti hollatti.
20
Isii namicha daallicha! Akka dhugeeffachaan, hujii dansaa tolchan malee, homaa hinbaanne barachuu feetaa?
21
Ee'aayi, Abbaan keenna Abrahaam, eegii ilma isaa Yisihaq sooriyoo Waaqaa baasee, marroo hujii dansaatiif qajeeluma argateeyyuu?
22
Akka dhugeeffachaa fi hujiin dansaan innii hojjate waljabeessitee, dhugeeffachaan isaa hujiin qixooftee inargitaayyuu?
23
Barreessiin ta, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, dhugeeffachaa isaa qajeelumaati herreganiif” jettu ya guutamte. Waaqiilleen, “Jaala kiyya isaan” jedhe.
24
Tanaaf, akkuma isan argitanii, namii dhugeeffachaa qofa adoo hin ta'in hujii dansaan waliin qajeeluma argata.
25
Shaarmuxittiin “Rahaab” jedhaniilleen waan warra Yihudii ka dooyaa dhufan sun keessummoomsitee, akka karaa dhibiin galan tolchiteef, marroo hujii dansaa isiitiif qajeeluma argatte.
26
Akkuma nafii hafuura hinqamne du'aa, ta'ee akkasum dhugeeffachaan hujii dansaa hinqamneelleen dootuu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5