bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Galatians 1
Galatians 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Namootaan yookaan namaan uduu hin taane Phaawuloos Rabbii Abbaa Kiristoosiin worra du'an keessaa kaaseen ergamaa ta'ee fi
2
obboleeyyan na woliin jiran maraa irraa woldoota Kiristaanaa Galaatiyaa jiran maraaf;
3
Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u!
4
Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessaa nu oolchu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne.
5
Baraa haga bara baraatitti Aabba'aaf ulfinni haa ta'u! Amiin.
6
Ka badhaadha Kiristoosiitiin isin waame irraa gara galtanii gara Dubbii Nagayaa ka biraatitti ariifattanii deebi'uun keessan na maalalchiisa.
7
Akkana jechuun Dubbiin Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.
8
Haa ta'uu ammo nullee yoo ta'e, yookaan maleekkaan sami'ii Dubbii Nagayaa ka nu isinitti lallabne irraa ka adda ta'e yoo isinitti hime, ka abaarame haa ta'u!
9
Akkuma dursinee dubbanne akkasuma ammallee irra deebi'ee dubbadha; ka fudhattan irraa waan adda ta'e eennullee yoo isinitti hime, inni ka abaarame haa ta'u!
10
Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.
11
Obboleeyyan tiyya! Dubbiin Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane akka beettan barbaada.
12
Yesuus Kiristoositu naaf ibse malee, ani nama irraa hin fudhanne; hin barannelle'e.
13
Hennaa dur amantii Yihuudotaa hordofa'aa ture, attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akka malee ari'a'aa, balleessa'aa ture.
14
Aadaa abbootaatiifillee akka malee hinaafa'aa, firtoota bara kiyya jiran keessaa akka sirna amantii Yihuudotaatiin guddisee isaan caala.
15
Haa ta'uu ammo ka uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru na filate, Rabbiin badhaadha ufiitiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti,
16
Dubbii Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne.
17
Gara worra anaan dura ergamtoota turanii gara Yerusaalemii hin dhandhe. Haa ta'uu ammo gara biyya Arabaa deeme; deebi'ee gara Damaasqo'oo dhufe.
18
Woggaa sadihiin maayessa Keefaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee isa woliin guyyaa kudha shan ture.
19
Haa ta'uu ammo Yaaqoobii obboleessa Goofta'aa malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine.
20
Wonti ani isinii barreessu kun soba akka hin taane Rabbi hin beeka.
21
Achiin maayessa gara Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliqiya'aa dhaqe.
22
Worri Kiristoositti amanan woldoonni Yihuuda'aa na hin beekan.
23
Haa ta'uu ammo, «Inni duraan nu ari'a'aa ture sun amantii duraan balleessu'uuf barbaadu san lallaba» jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan.
24
Waan kiyyaafillee Rabbiin galatoonfatan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6