bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Galatians 4
Galatians 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Haa ta'uu ammo ani ammallee akkana jedha; Ilmi qabeenna abbaa ufii dhaalu tokko yoo qabeenna abbaa ufii maraa irratti abbaa ta'e, haga ijoollumma'aan jiru garbichaan garaagarummaa hin qabu.
2
Haga guyyaa gaafa haaganaa abbaan qabeetitti harka worra isa guddisuu fi worra isa bulchu jala jiraata.
3
Akkasuma nullee Ayyaanaan uduu hin guddatiniin duratti, seera biyya lafaatiif garboota turre.
4
Haa ta'uu ammo hennaa barri murtaaye sun gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.
5
Innillee worra Seera jala jiran booji'ee ilmaan Rabbii nu taasisu'uuf kana godhe.
6
Ilmaan isaa waan taaneef Rabbi Ayyaana, «Abbaa!, Abbaa!» jedhee waamu gara keenna erge.
7
Ammaa achi ati ilma malee garbichaa miti. Kanaafuu eega ilma taate, akkasuma karaa Kiristoosiitiin ka jeennata Rabbii dhaalu taateerta.
8
Haa ta'uu ammo hennaa san Rabbiin uduu hin beekin, amala keessaniin ka waaqa tolfama'aaf garboota taatan.
9
Amma ammo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa attamitti deebitanii gara dadhabbi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee gara galtanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii?
10
Guyyaa, ji'a, bonaa gannaa fi woggaa addaan baaftanii kabajjitan.
11
Maal laataa, «Tasa isiniif xaare» jedhee isin sodaadha.
12
Obboleeyyan tiyya! Anillee akkasuma ammo deebi'ee akka keessan waan ta'eeruuf, akka kiyya ta'aa'a jedhee isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.
13
Duraan hennaa Dubbii Nagayaa isinitti himu, sababa dhibee kiyyaatiin akka ta'e hin beettan.
14
Waan foon kiyyaatiif yoo ataabee isinitti ta'ellee isin ammo na hin tuffanne; na hin jibbinelle'e. Haa ta'uu ammo akka maleekkaa Rabbiititti, Ee akka Yesuus Kiristoosiititti na simattan.
15
Eegasuu gammachiisuun keessan sun eessa dhaqe ree? Uduu isiniif danda'amee ija keessan uf keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan akka ta'e anuu ragaa isinii baya.
16
Eegasuu waan dhugaa isinitti himeef ani diina isinitti ta'ee?
17
Jabeessanii isin soqan; haa ta'uu ammo waan misha'aafii miti; wonti jabeessanii isin soqaniif isin yaada keessan isaan irra akka kaayattaniif; nu irraa adda isin fooyuu barbaadan.
18
Haa ta'uu ammo hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin ta'in, uduu worra hennaa maraa waan misha'aaf barbaadaman taatanii misha'a.
19
Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.
20
Waan keessan waan mamuuf, amma isin bira taa'ee uduu isin woliin qaaqee natti tola.
21
Isin worri seera jala jiraachuu barbaaddan, waan seerri jedhu hin dhageettanii? Mee natti himaa'a!
22
Abrahaam ilmaan lamaan uumate keessaa tokko garbittii irraa, kaan ammo bantittii irraa akka uumate barreeffameera.
23
Haa ta'uu ammo ilmi garbitti'iillee akka fedha fooniititti dhalateera; ka bantitti'ii ammo dubbii abdi'iitiin dhalateera.
24
Wonti kun akka fakkeennaatitti fudhatama; dubartoonni lamaan tunniin akka waadaa lamaaniititti laallaman. Dabra Siinaa keessaa takkattiin garbumma'aaf ijoollee deetti; Isiinillee Aggaari.
25
Aggaariin tun ta Dabra Siinaa lafa Arabaa keessa jirtu fakkaatti. Ammallee Yerusaalemii amma jirtu tana fakkaatti. Ijoollee isi'ii woliin garbummaa keessa waan jirtuuf.
26
Yerusaalemiin ol gubba'aa ammo ta bilisumma'aan jiraata'aartu; isiinillee haadha teenna.
27
Barreeffama Woyyuu keessatti, «Ijoolleen dubartii abbaa manaa qabduu caalaa, ijoolleen dubartii abbaa manaa hin qabnee waan heddummatteef; ati dhabduu deettee hin beenne gammadi; atillee ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ililfadhu!» jedhamee barreeffameera.
28
Obboleeyyan tiyya! Nullee akkuma Yisaaqii ijoollee abdiin kennameeruuf.
29
Haa ta'uu ammo akka fedha fooniititti ka dhalate ka akka fedha Ayyaanaatitti dhalate, hennaa san akkuma ari'e, adhallee akkasuma.
30
Haa ta'uu ammo Kitaabni maal jedha? «Ilmi garbitti'ii, ilma bantitti'ii woliin waan hin dhaalleef, garbittii mucaa isi'ii woliin ari'i!» jedha.
31
Kanaafuu obboleeyyan tiyya, nu ijoollee bantitti'iiti malee ta garbitti'iitii miti.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6